Memory fi Flash xixiqqoo guddisuuf

Memory card fi Flash 2GB, 4GB fi 8GB irraa gara 16GB tti guddisuuf
Kompiitara fayyadamuun memory card fi flash xixiqqoo ta’an salphaatti gara 16GB tti guddisuun ni danda’ama. Kuniis namoota storage bilbila keessanii xiqqaatee isin rakkisuuf furmaata gaariidha.

Kompiitara keessanitti fayyadamuun gara 16GB tti guddisuuf tartiiba kanaa gadii sirnaan hordofaa.

1. Software ‘Sdata tool‘ jedhamu google irraa buufadhaa.

2. Erga buustanii booda right click gochuun extract godhaa. Itti aansuun sdata tool.exe kan jettu irratti right click gochuun ‘run as admnistrator’ godhaa. yeroo kanatti install gootaniittu jechuudha.

3. Flash ykn meemoorii guddisuu barbaaddan reader keessa galchuun kompiitarichatti galchaa.

4. Memory ykn flash sanarra faayila barbaachisoo ta’an kompiitara ykn mobaayila keessanirratti copy erga gootanii booda format godhaa.

5. Gara sdata tool tti deebi’uun erga seentanii booda select drive jechuun yoo isiniif fidu. Qubee flash ykn memory sanaa filadhaa. Fakkeenyaaf drive E irra jira yoo ta’e isa filadhaa.

6. Itti aansuun ‘To 4GB, 8GB, 16GB’ jechuun filannoo isiniif fida. Flaashii ykn meemoorichi 2GB yoo ta’e jalqaba ‘To 4GB’ kan jettu filachuun ‘E-compress’ kan jettu click godhaa. Flaashii ykn meemoorichi 4GB yoo ta’e ‘To 8GB’ kan filattan yoo ta’u , meemoorii ykn flaashichi 8GB yoo ta’emmoo ‘To 16GB’ filadhaa.

Tartiiba 6ffaa irra jiru kana irra deddeebi’uun meemoorii ykn flashii 2GB irra 4GB tti erga guddisnee 4GB irraas gara 8GB tti 8GB irraa gara 16GB tti guddisuu ni dandeenya.

Haaluma kanaan: Flashii ykn meemoorichi 4GB yoo ta’e jalqaba gara 8GB tti itti aansuun 16GB tti kan guddisnu yoo ta’u, Flaashii ykn meemoorichi 8GB yoo ta’emmoo kallattiin gara 16GB tti kan guddisnu ta’a.

Hubachiisa: erga meemoorii ykn flaashii keenya haala kanaan guddisnee booda yoo format goone storage isaa jalqabaatti deebi’a. Kana jechuun duraan 2GB kan ture 2GB tti deebi’a jechuudha. kanaafuu Format gochuu irraa of qusachuu yoo goone immoo irra deebinee guddisuu qabna.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time