Seenaa dhufaatii Facebook bara 2003 irraa kaasee

Facebook kan eegale dargaggeessa maqaan isaa Mark Zuckerberg jedhamuuni. Mark Zuckerberg daa’imummaa isaarraa kaasee nama barnoota kompiitaraa gosa programming barateedha.

Namni kun kaka’umsa abbaan isaa itti horeen dandeettiin isaa dabalaa deeme. Kabaja ayyaana dhaloota waggaa 7ffaa isaa irratti abbaan isaa kitaaba programming maqaan isaa “C++ for dummies” jedhamu bitee kenneef. Ergasii dandeettiin isaa baay’ee dabalaa deemuun umrii waggaa 11tti sooftweera ‘zuckernet’ jedhamu hojjatee abbaa isaaf kenne.

Abbaan isaa hakiima ilkaanii yoo ta’u software kana fayyadamuun dhukkubsattoota waliin beellama qabata, akkasumas bakka barbaachisetti chat barreessuu danda’a. Software’n kun haala hojii daran mijeesseefii galiin abbaa isaa baay’ee ol ka’e. Abbaan isaas software kanatti gammaduun Mark zuckerberg’f kompiitara desktop haaraa bitee kenneef.

Mark Zuckerberg bara 2002 Harvard University seenuun muummee barnoota saayikooloojii barachuu eegale. osomaa baratuu bara 2003 software ‘FaceMash’ jedhamu kalaqe. Software kana kan inni dalageefis barattoota shamarranii miidhagina isaanii waldorgomsuuf (Dorgommii miidhaginaaf) ture. Namni tokko system kana login yoo godhu suuraa shamarranii dorgommiif dhiyaatanii arga. Kana booda kan ni bareeddi jedhu keessaa filata, namni tokko suuraa tokko qofa filachuu danda’a.

Yeroo sanatti Mark Zuckerberg dogoggora tokko hojjate. Dogoggorri isaas suuraa shamarranii sana hayyama yuuniversitii malee seera cabsuudhaan database sanaan suuraa, maqaa fi ID shamarranii sassaabee software sanarratti ol baase. Kanarraan kan ka’e yuuniversitii sanarraa akka ari’amu murtaa’e. Haa ta’u malee Mark Zuckerberg yuuniversiticha dhiifama gaafachuun dhiifamniis godhameefii barnoota isaa itti fufe.

Haaluma kanaan facemash sun jaallatamummaa argachuun USA keessa babal’ate. osoo kanaan jiruu bara 2004 maqaa software isaa facemash irraa gara “Thefacebook.com” tti jijjiire. Thefacebook.com kan jedhameefis marsariitiin kun fuula namaa qofa waan agarsiisuufi. Ammas jaallatamummaan isaa dabalaa deemuun bara 2005 UK fi biyyoota biroo keessatti babal’achuu eegale. Bara 2006 tajaajilli isaa dabalaa deemuun akka addunyaatti beekamtii argatee maqaan ‘Facebook’ jedhamuus kennameef. dhufaatin Facebook gabaabinaan kana fakkaata.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time