Rakkoolee keessoo mobaayila keenyarratti baay’inaan mul’atanii fi furmaata isaanii

Yeroo baay’ee Appii mobaayila keenyarra jiru fayyadamuuf yoo seenuuf jennu ergaa (message) armaan gadii fi kkf nuuf fidee appicha nuuf banuu dida. isaanis:-

  • This application stopped working
  • Crashing
  • Won’t Open “
  • Won’t Respond
  • Isn’t working properly fi message kana fafakkaatan mul’isee appii isiniif hin banu yoo ta’e furmaatni isaa kanneen armaan gadiiti.

1. Mobaayila keessan restart/reboot godhaa. Yeroo baay’ee kun furmaata gaarii ta’a. 
2. System update yoo qabaate, update godhaa. Kana gochuuf tartiiba kana hordofaa: Setting < Software update < Operating system update
Bilbiloota smart baay’eerra ammoo haala biroon waan jiruuf tartiiba kana hordofaa: Settings < System < System update < Online update

System update gochuun kana qofaaf osoo hin taane bilbila keenyaaf faayidaa guddaa qaba. Yoo bilbilli isin hin rakkisiniyyuu system update gochuun gaariidha.

3. Appii isiniif banamuu dides playstore keessa seenuun update yoo qabaate update godhaa. 
4. Google play service bilbila keessanii update godhaa. 
5. App itti fayyadamaa uninstall godhaa. System app(App bilbilaa wajjin dhufe) yoo ta’emmoo ‘Force stop’ godhaa. 
6. Appii isiniif banamuu dide sana Clear app & cache godhaa. Kana gochuuf: Settings < Apps < Appii isiniif banamu dide tuqaa < clear app & cache (mobaayila tokko tokkorraa ‘Clear Data’ jedhee jira, isarra cuqaasaa)
7. Kanneen armaan olii 6’n hunda yoo goonu carraan hojjechuusaa 95% yoo ta’u , Carraa isin diduu %5 qaba. Kan isin dide immoo ‘Hard reset’ or ‘Factory Reset’ godhaa. 

Hubachiisa: Bilbilichi koppii yoo ta’ee fi yeroo baay’ee ‘Factory reset’ kan ta’edha yoo ta’e ‘Restore/Reset’ gochuun furmaata isiniif hin ta’u.  Kanaafuu, Mobaayiloota akkasii appii isaan hojjetan fayyadamnee kan isaan didan dhiisuuf dirqamna jechuudha.

Rakkoon bilbilarratti irra deddeebiin mul’atu tokko immoo bilbilli keenya ‘Snyc error’ yoo jedhudha. Kana sirreessuuf falaawwan armaan gadiitti fayyadamaa.

1. Date & Time akka lakkoofsa Faranjootaatti sirreessaa. Kana salphaatti sirreessuuf setting seentanii Date & time isaa ‘Automatic date & time’ yoo gootan ni sirrata.
2. Background data bilbila keessanii restrict ta’ee jira yoo ta’e , irraa kaasaa. Kana gochuuf: Setting < Data Usage < Restrict background data kan jedhu irraa kaasaa.
3. App ‘sync error’ jedhe sana clear data godhaa. Fakkeenyaaf appichi Gmail yoo ta’e: Settings < Apps < App info < Gmail < Storage < Clear Data.
4. Google play service bilbilichaa update godhaa. Kun data fayyadamuudhaan isin rakkisuu waan danda’uuf wi-fi fayyadamuun update godhaa. Galatoomaa.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time