Memory card tokko orijinaala ykn koppii ta’uusaa maalin beekna?

Memory card bituuf manneen Elektrooniksii ykn namarraa yoo bituuf jettan orijinaala ykn koppii ta’uusaa adda baastanii beektuu? Maaliin beektu? Barreeffama meemooricharra jiru ilaaltanii orijinaala jettanii bittu ta’a, ykn koppiidha jettanii dhiistu ta’a. Garuu memory card tokko orijinaala ykn koppii ta’uu isaa waan nutti himu hin qabu. 

Haa ta’uu malee Memory tokko orijinaala ykn koppii jechuuf maloota armaan gadiin adda baasuu dandeenya.

1. Malli salphaa fi inni jalqabaa meemooricha bilbila keessan keessa galchuun ‘Format’ godhaa. Yeroo format gootan sanatti rakkoo tokko malee format ta’a yoo ta’e orijinaala yoo ta’u, Error garaagaraa agarsiisee Format yoo ta’u dide immoo koppiidha jechuun shakkuu dandeenya.

2. Kompiitara irraa ykn phone storage irraa gara memorichaatti faayiloota gurguddoo hamma 1GB ta’an koppii godhaa. Faayila 1GB ta’e koppii godhee xumuruuf daqiiqaa 5 gadi kan fudhatu yoo ta’e orijinaaladha. Gara daqiiqaa 7 olii fudhata yoo ta’e immoo meemoorichi koppiidha jechuu dandeeya. Daqiiqaa 5 – 7 gidduu kan fudhatu yoo ta’emmoo meemoorii orijinaala miidhama qabu ta’uu mala.

3. Dandeettii qabiyyee meemoorichaa ilaalaa. Fakkeenyaaf, meemoorichi 8GB yoo ta’e faayila qulqulluu 7.4GB baachuu danda’a. Kanaafuu, faayila 7.4GB ta’u irratti ergaa ykn koppii godhaa. Ni fudhata yoo ta’e orijinaala amansiisaadha.

4. Bilbila android keessa galchuun Appii maqaan isaa ‘SD insight’ jedhamu fayyadamuun adda baasuu dandeenya. Kana gochuuf:

  • App ‘SD insight’ jedhamu kana interniita irraa buufadhaa.
  • Appicha install gochuun open godhaa. 
  • Yammuu appicha seentanitti waa’ee meemoorichaa kan agarsiisu yoo ta’e meemoorichi orijinaala dha. Meemoorii koppii yoo ta’e homaa tokkollee hin agarsiisuu hin danda’u.
Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time