Bilbilli android maalif ‘App not installed’ jedhee app barbaanne install gochuu dida?

Bilbilli android maaliif ‘App not installed’ jedhee app keenya install gochuu dida? Furmaatn isaahoo maali? Appii haaraa tokko install gochuuf yoo jennu ‘App not installed’ kan jedhuuf sababoota gurguddoo 8 qaba. 

Isaanis:

  • App wal fakkaataan dursee jirachuu.
  • Android version bilbila keenyaan wal madaaluu dhabuu.
  • Rakkoo siistamaa (System problem) qabaachuu.
  • Kallattiin install ta’uu diduu.
  • Rakkoo ‘App preferance’
  • Teessoo appichaa.
  • Rakkoo ‘Package installer’ yoo uumamu.
  • Free space dhabuu.

Sababootni isaa kan armaan olii yoo ta’u, furmaatni isaa kan armaan gadiiti.

1. Yeroo baay’ee app tokko yammuu install gochuuf jennu ‘App not installed’ jedhee kan nu didu Appii isa fakkaatu yoo jiraatudha. Kanaafuu Appii isa fakkaatu jalqaba uninstall gochuun balleessuu qabdu.
2. Appii haaraa install gochuu barbaaddan android version mobaayila keessaniirratti hojjechuu dhiisuu danda’a. Kanaafuu Appicha edit gochuu qabdu. Appii edit gochuuf stepi 5’n armaan gadii sirnaan hordofaa: 

Step 1 Appii maqaansaa ‘apk editor’ jedhamu interneetii irraa buufadhaa. 
Step 2 Apk editor install ergaa gootanii booda open godhaatii, ‘select apk from APP’ kan jettu cuqaasuun ‘Common edit’ kan jettu seenaa.
Step 3 achi keessaa ‘Install location’ kan jettu default godhaa.
Step 4 Itti aansuun “version code” kan jettu jijjiraa. Koodicha  yammuu jijjiirtan koodiin jijjiirame mobaayilicha kan madaale ta’uu qaba (Kanas Appii installed ta’eerraa ilaaltanii jijjiiruu ni dandeessu).
Step 5 Save gochuun install godhaa. 

3. Mobaayilichi yeroodhaaf rakkoo sirnaa (Temporary System problem) yoo qabaate Appii haaraa install hin godhu. Kana furuuf immoo mobaayilicha restart/reboot godhaa.
4. Appii kallattiin install ta’u hin dandeenye ni jiru. Fakkeenyaaf, Base.apk, Config-Archi.Apk jedhaman. kanaaf;

Appii akkanaa install gochuuf yoo cuqaasnu ‘Open with’ jedhanii filannoo garagaraa fidu malee install kan jedhu hin agarsiisani. Appii akkanaa install gochuuf immoo appii maqaansaa ‘SAI (Split app installer)’ jedhamu install godhadhaa.  Itti aansuun app install ta’uu dide sanatti deebi’aa. ‘Open with’ jedhee filannoo garaagaraa yoo isiniif fidu ‘SAI’ filadhaa. Kana booda ‘SAI’ keessaan install gochuu dandeessu. 

5. Setting bilbila keessanii seenuun ‘Reset app preferance godhaa’. Kana gochuuf tartiiba kana hordofaa. Settings < Apps < menu (mallattoo sarara sadii) < Reset app preferances.
6. Appichi memory card irra yoo jiraate gara internal storage tti dabarsaa install gochuu yaalaa.
7. Rakkoo ‘Package installer’ yoo uumamudha. Rakkoo kana furuuf tartiiba armaan gadii hordofaa: Settings < Manage apps < Package installer < Clear data and Clear cache
8. Mobaayilichi ‘Free space’ gahaa qabaachuu adda baafadhaa. Yoo hinqabu ta’e app kan biroo uninstall godhaa ykn faayiloota gurguddaa bakka baay’ee qabatanii jiran delete godhaa.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time