Interneetii Laptop keessan irra jiru mobaayila keessan irratti fayyadamuuf

Akkuma beekamu interneetii laptop irra jiru Bilbila keenyarratti fayyadamuuf software nu barbaachisa. Garuu akkaataa amma ilaallu kanaan softweeriin jiraachuun dirqamaa miti. Sooftweerii tokko malee interneetii Laptop keessan irra jiru Bilbila keessan irratti faayyadamuuf.

Tartiiba kana sirnaan hordofaa:

1. CMD laptop irra jiru ‘Run as Administrator’ godhaa (kana gochuuf CMD irratti right click gochuun ‘Run as Administrator’ kan jettu click gootu)

2. Laaptooppichi internetii qooduuf gahumsa qabaachuusaa check godhaa. Check gochuuf:- CMD irratti  ‘netsh wlan show drivers’ jedhaa barreessaa. itti aansun barreeffamoota isiniif dhufan keessaa “Hosted network supported Yes” kan jedhu yoo dhufe qooduu ni danda’a jechuudha.

3. itti aansuun command kana galchaa:

netsh wlan set
hosted network mode = allow
ssid = hotspotname
key = password

Hubachiisa: ‘ssid’ kan jedhu maqaa barbaannetti jijjiiruu dandeenya. ‘key’ kan jedhu password wifi keenyaa waan ta’eefis waan barbaanne galchuu dandeenya.

4. Itti fufuun addaapterii networkii keessanii banaatii isarratti right click gochuun ‘Allow other network users to connect through this computers internet connection’ kan jettu click gochuun filannoowwan gara gadiitti dhufan keessaa ‘wireless network’ filachuun OK jedhaa bahaa.

5. Dhumarratti gara CMD tti deebi’uun jalqabsiisuuf: CMD command irratti ‘netsh wlan start hosted network’ jedhaa galchaa. Tajaajila dhaabsisuufimmoo ‘netsh wlan stop hosted network’ jedhaa galchaa.

6. Tartiiba armaan olii sirnaan hordoftaniittu taanaan bilbila keessanirraa wifi bantanii maqaa networkii ssid irratti galchitan filachuun password key laptop irratti galchitanii turtan itti galchuun fayyadamuu ni dandeessu.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time