Moosaajota Mobile Data isiniif qusatan 10’n ምርጥ አስር የ ኢንተርኔት ዳታ ቆጣቢ መተግበሪያ

Yeroo biblila keenyarratti Interniita faayyadamnu wantoota baay’ee nu aarsan keessaa inni guddaan qarshiin keenya dafee dhumuudha. Yeroo baay’ee qarshiin keenya kan dhumu yeroo Mobile Data’n banamuudha. Sababni isaas, namni Interniita faayyadamu sun osoo hin beekin  bilbilli isaa, Automatic update of taasisuudhaanii fi moosaajota inni faayyadamaa hin jirre ofii isaanii process waan taasisaniifidha.

Maarree rakkoowwan kana ittisuudhaaf moosaajota kanaan gaditti argaman Play Sore irra ilaaluudhaan buusachuun itti faayyadamaa. Moosaajonni ofii isaanii process ta’an kunii fi bilbilli keenya ofii isaa update akka of hin taasisneef akkasumas moosaajota barbaadne qofaaf mirga kennuuf nu gargaaru. Moosaajonni kunneenis:

  • DataEye
  • Datally
  • My Data Manager
  • Data Usage Monitor
  • GlassWire
  • Net-Guard
  • Data Monitor
  • InternetGuard
  • Opera max
  • Data Manager

Hubachiisa: Mosaajota (Aappii) kanneen hunda download gochuun isinirraa hin eegamu. tokko keessaa filadhaa itti faayyadamaa. Wantoota isiniif barbaachisoo ta’an waan isiniif maxxansinuuf guyyaa guyyaatti marsaariitii keenya daawwadhaa. Dhaloonni qubee Saayinsii fi Teknooloojii waliin!

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time