Mobaayila keenya “Root” gochuun faayidaa isaa fi miidhaa isaa

Bilbila Root gochuu jechuun maal jechuudha? Faayidaan isaa maali? Miidhaan isaahoo?

Yeroo amma namoonni baay’een bilbila root gochuu akka argannoo haaraa faayidaa ol’aanaa qabuutti ilaaluun bilbilasaanii root gochuurratti argamu. Akkasumas root akka goonuuf nu jajjabeessu. Kun gam tokkoon faayidaa qabaatullee gama biroon immoo miidhaa inni qabu jiraa kana beekuunis barbaachisaadha.

Bilbila Root gochuu jechuun maal jechuudha?

Bilbila Root gochuu jechuun too’annoo kaampaanii mobaayila keenya oomishee jalaa baasuu jechuudha. Too’annoo yoo jedhamu hamma mobaayilichaaf hayyamamee olitti mobaayilichi tajaajila garagaraa ni kenna jechuudha. Akkasumas too’annoo jalaa yeroo bahutti rakkoo garaagaraaf saaxilamuu danda’a. 

Bilbila Root gochuun faayidaan isaa maali?

1. CPU bilbilichaa isa duraa caalaa waan hoo’uf ariitiin bilbilichaa ni dabala.
2. Faayidaa kaampaaniin mobaayilichaaf kenne irra darbuun akka barbaannetti itti faayyadamuu dandeenya. 
3. Appii kaampaanichi hin hayyamne seenuun (download gochuun) itti faayyadamuu dandeenya.
4. ‘System apps’ kan bilbilichaa wajjin dhufan irraa balleessuu ni dandeenya.

Faayidaan isaanii gurguddoon kan armaan olii arfan yoo ta’u , gama birootiin immoo miidhaalee gurguddoos ni qabaata.

Bilbila root gochuun miidhaa akkamii qaba?

1. Too’annoo kaampaanii jalaa waan bahuuf nageenya amansiisaa hin qabaatu. 
2. Haaluma kanaan carraan vaayrasii garagaraan miidhamuusaa olaanaa ta’a.

Addunyaa kanarratti bilbila root gochuun hayyamamaa ta’ullee biyyoota tokko tokko keessatti yakka ta’ee kan nama adabsiisudha. Bilbilli haayikoppii ta’anii fi Itoophiyaa keessatti hojjetaman root gochuurraa yoo of qusanne gaariidha. sababnisaas miidhaasaatu faayidaa isaarra caala waan ta’eefi.

Akkamiin bilbila root gochuu dandeenya? 

Bilbila android version isaanii 5.0 fi isaa gadi ta’aniif app ” king go root” jedhamuun root gochuun ni danda’ama. Appii king go root link asii gadii irraa buufachuun ni danda’ama.
https://apkdl.net/en/com.kinggoroot.checker

Bilbila android version isaanii 5 ol ta’aniif immoo app TWRP jedhamu faayyadamuun root gochuu dandeenya. Appii TWRP link asii gadii irraa buufachuun ni danda’ama.
https://apkdl.net/en/me.twrp.twrpapp

Haalli Root itti godhamu salphaadha Appii barbaachisu kana bilbila barbaadamu irratti download gochuun faana bu’uutu isinirraa eegama dhuma irratti root ta’uufi dhiisuu isaa mirkaneeffachuuf Appii root checker jedhamu Play Store keessaa buufattanii mirkaneeffachuu dandeessu. root checker bilbila root ta’eefi hin taane adda baasuf gargaara.

Walumaa galatti kana fakkaata Garuu bilbila keenya Root gochuun dura haayikoppii fi Made in Ethiopia ta’uu dhiisuusaa mirkaneeffachuu qabna. akkasuma miidhaalee boodarra dhufuu danda’aniif itti gaafatamummaa fudhachuun qabna.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time