Bilbila keenya yoo faayyadamnu of eeggannoo taasisuu qabnu fi wantoota ijoo irraa of qusachuu qabnu

Bilbila guyyaa guyyaan yeroo fayyadamnu keessatti osoo hin beekin miidhaan gurguddaan battalatti ykn suutaan nurra gahuu danda’an hedduutu jiru. isaan keessaa yeroo baay’ee irra deddeebiin kan mul’atan fi of eeggannoo gochuu qabnu akka armaan gaditti ilaalla.

● Yeroo roobni roobu bilbila keessan flight/airplane mode irra kaa’aa
● FM Radio Earphone dhaan hin dhaggeeffatinaa. Sababnisaas ‘Electromagnetic radiation’ FM ittiin hojjetu karaa earphone sanaan sammuu keenyarra suuta suuta miidhaa waan geessisuuf
● Bilbila chaarjiirra keessanii homaa tokkollee hin faayyadaminaa. Keessumaa chaarjiirratti wifi-calling , bilbila kallattii fi Game taphachuurraa jabeessinee of eeguu qabna.
● Earphone dhaan muuziqaa yoo dhaggeeffattan Equalizer fayyadamuun ‘Bass’ irraa godhaa dhaggeeffadhaa. Sababnisaas akkasumatti yoo dhaggeeffanne sagalee qal’aa earphone keessaa sun gurra keenyaa wajjiin waan wal hin madaalleef gurra keenya dhukkubsuu danda’a.
● Meeshaalee ‘magnetic field’ gurguddoo ta’an biraa bilbila keessan fageessaa.

● Chaarjiin bilbila keenyaa Low yeroo ta’utti faayyadamuu dhiisuu amaleeffachuun gaariidha. Sababnisaas yeroo kanatti calaqqeen isaa dabaluun ija keenyarraan miidhaa gahuu danda’a.
● Bilbila yammuu haasoftan Gurra keessanitti hin maxxansinaa , hamma 5cm gurra keessanirraa butuun haasa’aa. Kuniis calaqqee electromagnetic radiation sammuu keessan irraa ittisa.
● Yeroo rafuuf jettan bilbila keessan ‘airplane mode’ irra kaa’aa rafaa ykn meetira 2 fi isaa ol ofirraa fageessaa kaa’aa. Kuniis halkan osoo raftanii yoo bilbilame light fi calaqqeen isaa ijaa fi sammuu keessan miidhuu waan danda’uufi.
● Haadholii ulfaaf electromagnetic radiation kun dhibee alaarjikii itti fiduu waan danda’uuf haadholiin ulfaa yeroo dheeraa haasawuu fi irra deddeebiin bilbila haasawuu hir’isaa.

● Bakka meeshaan sibiilaa baay’atutti jechuun kan akka konkolaataa, xiyyaaraa, baaburaa, bakka hojii sibiilaa fi garaajiitti yoo baay’ee isin barbaachise malee bilbila hin haasayinaa. Yoo haasoftanis yeroo dheeraa hin haasayinaa. 
● Keessumaa ijoollee umrii waggaa 15 gadii osoo bilbila faayyadamuu dhiistanii gaariidha. Ta’uu baatus yeroo muraasa qofa fayyadamaa. Calaqqeen elctromagnetic sun seelii sammuu keessanii baay’ee waan miidhuuf dhibee kaansarii sammuufillee isin saaxiluu danda’a.
● Biyyoota guddatan keessatti ijoolleen umrii waggaa 15 gadii baay’inaan kan du’an sababa kanaatiini. 
● Kanaafuu, maatiin ijoollee keessan waggaa 15 gadii darbee darbee yoo ta’e malee yeroo hunda akka bilbila faayyadaman hin hayyaminaafii. 

Qajeelfamoota jiran haalaan yoo hordofne bilbila keenya rakkoo osoo nurraan hin gahin fayyummaa keenya eeggannee fayyadamuu ni dandeenya. Kanaan ala suuta suuta ykn battalatti miidhaa nurraan gahuu danda’a. irraa of tiksaa maatifi hiriyoota kessaniis tiksaa.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time