Bilbila hatame eessa akka jiruu fi eenyu akka faayyadamaa jiru beekuf

Bilbilli android yoo nu jalaa bade ykn hatame eessa akka jiruu fi eenyu akka faayyadamaa jiru beekuun argachuu ni dandeenya. Bilbilli keessan haala hin beekamneen isin harkaa baduu ykn hatamuu danda’a. Yeroo kanatti waajjira poolisiitti iyyannee ykn bakka inni itti bade iyyaafannee argachuu dhiisuu dandeenya ta’a.

Kanaaf, karaa salphaa ta’een bilbila keenya nu harkaa bade bakka inni jiru, yoo namatu fayyadamaa jira ta’ees eenyu akka faayyadamaa jiru fi eessa taa’ee fayyadamaa akka jiru karaa ittiin baruu dandeenyu amma waliin ilaalla. inniis lakkoofsa IMEI mobaayila keenyaa faayyadamuun kan beekuu dandeenyudha. Kanaafuu, tartiiba armaan gadii jiran sirriitti hordofuun bilbilli keessan eessayyuu yoo jiraate argachuu dandeessu.

Bilbilli keenya osoo hin badin dura waan gochuu qabnu:

1. Lakkoofsa koodii *#06# bilbiluun lakkoofsa IMEI bilbila keessanii ilaalaa
2. Lakkoofsa IMEI fi model bilbila keessanii yaadannoo keessanirratti qabadhaa. Yookiniis yoo bilbilli keessan bade bakka argachuu dandeessanitti galmeessaa kaa’aa.

Kana booda yoo bilbilli keessan bade ykn hatame haala armaan gadiin bakka inni jiru argachuu dandeessu. 

Mobaayila android kan biroo ykn kompiitara faayyadamuun gara email cop@vsnl.net jedhamutti ergina. Email itti erginus haala armaan gadiin qindeessina.

My name ____ (bakka duwwaarratti maqaa keessan barreessaa)
Address ____ (bakka duwwaarratti teessoo keessan barreessaa)
Phone Model ____ (bakka duwwaarratti model mobaayila keessan badee sana barreessaa)
Made ____ (bakka duwwaarratti biyya mobaayilli keessan bade sun itti hojjetame barreessaa. Fkn. Made in Vietnam)
Email for communication ____ (bakka duwwaarratti email keessan barreessaa)
Missed date ____ (bakka duwwaarratti guyyaa bilbilli isin harkaa bade akka lakkoofsa Awurooppaatti barreessaa)
IMEI number____ (bakka duwwaarratti Lakkoofsa IMEI bilbila badee sana barreessa)

Tartiiba kana haala sirriin yoo raawwattan ‘GPRS system’ fayyadamuun teessoo bilbilchi jiru , eenyu harka akka jiru fi namni faayyadamaa jiru sun email yoo qabaate email isaa wajjin Email keessanirratti isiniif dhufa. Kana booda , GPRS sana hordofuun bakka inni jiru deemnee bilbila keenya argachuu ni dandeenya. yoo kophaa keenya kan sodaannu tahe qaama nagaa eegumsaatif beeksisuu ni dandeenya.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time