Bilbila networkii fi interneetii hojjachuu dideef furmaata

Bilbilli tokko rakkoo netoorkii qaba kan jennu yoo kanneen armaan gadii agarsiisedha. No service, Emergency call, Registration failed, Invalid SIM fi kkf.

Rakkoowwan akkanaa kun sababoota armaan gaditiin dhufuu danda’u:

  • Rakkoo Network IC (Hardware Problem)
  • Rakkoo IMEI number
  • Rakkoo Anteenaa (Hardware problem)

Yeroo baay’ee rakkoon hojjachuu diduu netwoorkii bilbilaa rakkoo IMEl Number dha. rakkoon akkanaa yeroo hedduu bilbiloota xixiqqoo irratti kan mul’atuudha Kanaafuu, furmaatni isaa IMEI number jijjiirudha. IMEI number jijjiiruuf koodii bilbilaa kanneen keessaa kan isiniif hojjate faayyadamaa *#0160# (Techno baay’ee irratti),  *#0161#, *#0162#, *#0066# (Isim), *#0011# (Smadel), *#346#, *#020*#, *#0120#, *#1120#, *#*#601*#*#,   *#8378#1# (bilbilloota xixxiqqoo hunda irrattii ni hojjeta)

IMEI number. haaraa erga jijjiirtanii booda bilbila keessan cufaati banaa, networki isiniif deebi’a. Ammallee yoo deebi’ee akkuma duraa tahee akkanumattii IMEI number haara kan bira yaalaa.

Gama biroon osoo SIM CARD bilbila keessa jiruu mallattoolee fi jechoota akka:

  • Insert Sim Card
  • No Sim Card Present
  • No Sim Card Inserted
  • Sim Card Registration Failed fi kkf kan agarsiisu yoo ta’e immoo rakkoo alaa (Hardware Problem) waan ta’eef mana suphaa mobaayilaa geessuun ilaalchisaa.

Bilbila internetii hojjachuu dide fi bilbila haaraa akkaataa itti interneetii hojjachiisnu

Akkuma beekamu yeroo tokko tokko bilbilli keenya interneetii guutummaan guutuutti hojjechuu dida ykn immoo waan hunda nuuf hojjachuu didee yeroo nu rakkisu argina. Kanaafuu, yeroo rakkoon akkasii isin mudatu akkaataa fi gosa bilbila keessanii irratti hundaa’uun step armaan gadii hordofaa sirreeffadhaa

1. Namoonni biyya keessa taatanii bilbila touch screen fayyadamtan: Settings > Network & internet > Mobile network > Access point kan jedhu erga seentanii booda Mallattoo + ykn Add jettu tuquun, bakka ‘Name’ jedhutti etc jedhaa bakka ‘APN’ jedhutti etc.com jedhaa ‘Save’ godhaa.

Namoonni biyya biroo jirtanis ‘access point’ biyyichaa guutaa. Google irratti maqaa siimkaardii faayyadamtanii search gochuun argachuu dandeessu. ykn dhaabbata Telekoomii siimii irraa bitattan yoo gaafattan isiniif himu. akkasuma hiriyoota keessaniin siimkaardii wal fakkaataa yoo faayyadamtan kan isarraa ilaalaa guuttachuu dandeessu.

2. LG mobile kan fayyadamtan warreen biyya keessatiif: Google settings > Wireless & networks > mobile network > access point name > Options > New APN, erga seentanii booda ‘APN’ etc.com ‘Username’ etc ‘Password’ etc ‘Autheatication type’ PAPPAP-CHAP > option > save

3. Nokia mobile kan fayyadamtanwarreen biyya keessatiif: Settings > Connectivity > Packet data > setting > edit active access point, erga seentanii booda: ‘Access point name’ etc godhaa ‘Packet data access point’ etc.com godhaa. itti fufuun gara settings tti deebi’uun:  Settings > configuration > personal > configuration > add new > web, keessa seenuun,  username: etc Password: etc,  Dhumarratti gara configuration deebi’uun: Activate the web taasisaa.

4. Bilbila SONY kan faayyadamtan warreen biyya keessatiif Menu > Setting > connectivity > internet setting, keessa seenuun ‘Connect using add’ ps ‘Date name’ etc ‘APN’ etc.com barreessuun ‘save’ godhaa. itti aansuun gara internet option deebi’uun:  Internet options > advanced > connectivity > data homepage: etc

Hubachiisa: bilbiloota sii gadirratti tarreeffaman baay’inaan namoota biyya keessaatuu qabata. kanaaf namoonni biyya alaa jirtan isiniis yoo kan qabaattan taate  bakka ‘etc’ jedhu hundatti ‘access point’ biyya keessa jirtanii guutuu qabdu.

2 Comments
  1. Tatoo says

    Jabadhaa

  2. Muhammad says

    Baayyee galatoomaa

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time