Bilbila tokko orijinaala ykn koppii ta’uu isaa baruuf

Bilbila android yammuu bitachuuf gara mana elektrooniksii deemtan orijinaala ykn koppii ta’uusaa adda baastanii ilaaltanii beektuu? Yoo maal ta’e koppiidha jettu? Yoo maal ta’e immoo orijinaala jettanii bitattu?

Yeroo baay’ee namoonni bilbila tokko orijinaala ykn kopppii jedhanii adda baasuuf ulaagaa tokkoo lama yeroo fayyadaman argina. Akkasumas ulaagaa sirrii hin taane fayyadamanii bilbila koppii ta’e orijinaala jedhu. faallaa kanaan bilbila orijinaalaan koppii yeroo jedhan argina. 

Kanaafuu, maxxansa kana keessatti isa sirrii akkamiin adda baasuu akka dandeenyu ilaalla.

Bilbila tokko orijinaala ykn koppii ta’uu beekuuf Hardware fi Software biilbilichaa ilaaluun adda baasuu dandeenya.

Hardware jechuun bilbilicha harka keenyan qabannu yommuu ta’u Software immoo keessoo bilbilichaa kan harkaan hin qabamneedha.

1. Hardware isaarraa maal ilaalla?

a. Iskriinii bilbilichaa qulqullina gahaa qabaachuu fi dhabuu. Qulqullinni isaa baay’ee xiqqaa yoo ta’e koppii ta’uu mala.
b. Fuulli iskriinii isaa qarqara mobaayilaarraa fagoo yoo ta’e koppii ta’u mala.
c. Iskriinii isaa yammu xiqqoo jabeessinee gad qabnu bakki gad qabame keessoonsaa waan akka dhangala’aa bololi’u yoo agarsiise koppiidha. 
d. Bilbila samsung irratti Loogoo ‘Samsung’ jedhu kan qadaada ykn dugda duuba mobaayilaarratti barreeffamee jiru yeroo sukkuumtan irraa haqamaa deema yoo ta’e koppiidha.

Kanneen olitti ilaalle kun hardware isaa ilaaluun koppii fi orijinaala ta’uusaa ittiin tilmaamuu dandeenya. Haa ta’u malee guutummaa guutuutti amansiisaa miti. Sababni isaas cover jijjiiramuu danda’a. Akkasumas iskriiniin isaa glass cimaan yoo itti maxxanfame ulaagaa ‘c‘ fi ‘d‘ irra jiran adda baasuun ni ulfaata.

Kanaafuu, guutummaan guutuutti adda baasuuf software keessoo bilbilichaa ilaaluun dirqama.

2. Software/keessoo isaatii maal ilaalla?

a. ‘Recent app’ utuu hin balleessin app baay’ee seenaa fayyadamaa. Utuu fayyadamtanii busy ni ta’a yoo ta’e ykn callisee dhaabbata yoo ta’e koppiidha. Garuu bilbila orijinaala tokko tokkorraa storage yoo guutu akkas ta’uu ni danda’a.
b. Bilbilicha restart ykn power off godhaa deebisaa banaa. Bilbilli koppii baay’een dafee hin banu.
c. Settingi bilbilichaa seenuun ‘more’ kan jettu cuqaasaa. itti aansuun storage kan jedhu keessa seenaa. Free storage/available isaa 1GB gadi yoo ta’e koppiidha.
d. Settingi bilbilichaa seenuun About phone kan jedhuu seenaa. itti aansuun model isaa, baseband fi build number isaa google irratti barreessuun ‘search’ godhaa. Kana booda googliin bilbilichi koppii fi orijinaala ta’uusaa isinitti hima.

Addatti Bilbilichi samsung yoo ta’e immoo koodiiwwan armaan gadii phone irratti galchuun bilbilaa.

*#0*# waa’ee bilbilichaa isiniif ibsa
*#1234# ykn *#9999# gosa software bilbilichaa fi modem isaa isinitti hima.
*#12580*369# Software fi hardware bilbilichaa isinitti agarsiisa.
*#9998*246# waa’ee meemoorii baatirii bilbilichaa isinitti agarsiisa.

Koodiiwwan armaan olii yoo bilbiltan yoo isiniif fiduu dide ykn Invalid MMI code kan jedhu ta’e bilbilichi koppiidha. Dabalataan bilbila samsung ta’an irratti Software ‘Samsung Kies’ jedhamu fayyadamuun adda baasuu dandeenya. Kana gochuuf tartiiba armaan gadii hordofaa.

Samsung Kies Software kompiitara keessanirratti fe’aa. Bilbila adda baasuu barbaaddan sana cable fayyadamuun kompiitaraan walqunnamsiisaa. Sooftiweerichi bilbilicha dubbisuun maqaa , software fi hardware bilbilichaa agarsiisa. yoo kan hin dubbisne ta’e irra deebiin si’a 4 ykn 5 yaalaa. yoo tasuma hin dubbisne ta’e bilbilichi koppiidha.

Bilbilli tokko koppii ta’uu, orijinaala ta’uu adda baasuuf ulaagaalee kana hunda keessa dabarsuun barbaachisaadha.

Dabalata Vidiyoon:

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time