Bilbilaa fi kompiitarri keessan stack/busy akka hin taane gochuuf

Stack/busy: jechuun kompiitarri ykn mobaayiliin keenya osoo waa tokko ittiin fayyadamnuu waan barbaadame dafee yoo raawwachuu didu ykn hojii dhaabu jechuudha. Kun yeroo baay’ee kan nama mudatu waan ta’eef faloota kana ittisan qalbeeffachuun barbaachisaadha.

Mobaayila keessan stack/busy ta’uurraa ittisuuf:

1. Appii murteessoo ta’an qofa install godhaa. Akkasumas Appii baay’ee itti hin fayyadamne uninstall godhaa. Yoo Appii mobaayilaa wajjin dhufe (system app) ta’e immoo Disable godhaa.
2. Screen Animation fi wallpaper sosocho’an irra hin kaa’inaa. Yoo irra jiraate irraa haqaa.
3. Appilikeeshinoota ‘RAM management’ ta’an tasumaa install hin godhinaa.
4. App jiran cache memory isaanii qulqulleessaa. Kana gochuuf: Settings < apps < app info < clear cache & data

Garuu Appii social media ta’an kan akka Facebook, Telegram, whatsapp fi kkf yammuu clear gootan akka haarayatti isiniif banamu. Kana jechuun account irra jiru Logout ta’a, akkasumas setting isaa default ta’a, Ergaan (message) haqamuu danda’a. Kanaaf Appii kana fafakkaatan clear hin godhinaa. yoo gootan immoo dursa itti yaadaa.

5. Bilbilicha phone storage isaa free godhaa. Kana jechuun ‘Internal storage running out’ kan jedhu hamma irraa ka’utti.
6. ‘ Widgets ‘ bilbilicharra jiran irraa haqaa
7. Bilbila keessan yoo xiqqaate guyyaatti al tokko Restart godhaa. 
8. Appii update qaban hunda update godhaa. Kanas playstore keessa seentanii gootu. Hubachiisa: Appii update gochuun data baay’ee waan fixuuf wi-fi dhaan yoo gaatan gaariidha.
9. Bilbilli keessan Bloatware yoo qabaate disable godhaa. Kana gochuuf:  Settings < all apps < Bloatware yoo jiraate Disable godhaa.

Qabxiilee armaan olii sirnaan yoo hojiirra oolchitan bilbilli keessan ariitii gaarii ta’een akka fedha keessanitti isiniif hojjata.

Kompiitara keessan stack/busy ta’uurraa ittisuuf:

1. Suuraalee hamma (size) guddaa qaban wallpaper irraa hin godhinaa. Yoo irra jiraate irraa kaasaa
2. Kompiitaricha power on yammuu gootan sirriitti hamma of banutti hin tuttuqinaa
3. Softweera fayyadamtanii xumurtan close gochuun kompiitaricha refresh godhaa. Ammallee kan isin didu yoo ta’e, softweera banaa jiru hunda close gochuun kompiitaricha refresh godhaa
4. Sooftweerii baay’inaan itti hin fayyadamne irraa haqaa
5. Desktop irra faayila hin kaa’inaa Akkasumas shortcut hin baay’isinaa
6. Kompiitarri yeroo banamu Appii ofiin of banan kan akka skype fi kkf yoo jiraatan disable godhaa
7. Recycle Bin yeroo yerootti Empty godhaa
8. Hard disk  ‘two-partition’ uumaa
9. Software/App baay’ee wal faana hin baninaa

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time