Marsaariitota kitaabota garaa garaa buusuuf nu gargaaran 5

  • Yeroo ammaa hojii dhaabdee jirtaa?
  • Bu’aa malee mana kee taa’aa jirtaa?
  • Kitaabota si barbaachisan dubbisuun yeroo kee dabsruu ni barbaaddaa?

Yeroo hojii malee oollu fi bu’aa malee mana keenya oollu kitaabota dubbisuun ni gorfama. Sababni isaas yeroo akkasii kitaabota dubbisuun gara fuul-duraatif murteessaa waan ta’eefidha. Akkasuma Namoonni yeroo baay’ee Kompiitara waliin oolan fedhii kitaabota waraqaa dubbisuu hin qaban. yeroo hedduu kitaabota online irra jiran (E-Book) dubbisuu jaalatu. Nutiis kana hubannaa keessa galchuun marsaariitota kitaaba addaa addaa of keessaa qaban shan isiniif dhiyeessineerra. Faayyadamtoonni mobaayilaafi kompiiataraa marsaariitota kanneen faayyadamuun kitaaba isin barbaachisu buufatuu ni dandeessu.

1. http://gen.lib.rus.ec/

Marsariitiin kun kitaaba feetan buusuu kan isin dandeessisu yoo ta’u; keessa isaatti kitaabota miiliyoonaan lakkaawaman qaba. Gosa kitaabotaa inni qabu keessaas: kitaabota barumsaa, kitaabota xiinsammuu, kitaabota falaasamaa, kitaabota seenaa fi kkf dha.

2. http://sci-hub.org/

Marsariitii kanarratti waraqoonni qorannoo (researchs) miliyoona 64 ol ta’an waan keessatti argamaniif salphaatti buusuun ni danda’ama. Dabalataanis, kitaabota garaa garaa filannoo adda addaatin argachuun ni danda’ama.

3. https://bookboon.com/

Marsariitii kana irratti kitaabonni tolaa gosni addaa addaa kan argaman yoo ta’u; namni sadarkaa barumsaa kamirrayyuu jiru akkasumaas namni gosa hojii kamirrayyuu jiru marsaariitii kanarraa ni fayyadama.

4. http://bookzz.org/

Buukziin addunyaa keenyarraa mana kitaabaa guddaa kan qabu yoo ta’u; tilmaamaan marsaariitii isaa irratti immoo kitaabota miliyoona 2.6’tu jira.

5. www.allitebooks.com/

Marsaariitiin kun kitaabota Teknooloojii baay’ee kan qabu yoo ta’u; kitaabonni Pirogiraamiingii, Giraafiksii, haala faayyadama Kompiitaraa fi kitaabonni barnoota addaa keessatti ni argamu.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time