Maallaqa xiqqoon interneetii yeroo dheeraa fayyadamuuf

Maallaqa xiqqoon interneetii yeroo dheeraa fayyadamuuf maloota salphaa nu gargaaran

Baayeen keenya ‘data’ dhaan yeroo internetii fayyadamnutti maallaqni keenya yeroo gabaabaa keessatti dafee dhumuun nu rakkisa. Kanaaf maxxansa kana keessatti yoomessaawwan (setting) bilbila keenyaa sirreessuun maallaqa xiqqoon yeroo dheeraa akka itti fayyadamnu waliin ilaalla.

Yoomessaawwan (Settings) armaan gadii sirreessuun fayyadamaa

  1. Setting > Connection > wireless & networks > data usage (Bilbila baay’eerraa akkasitti jira. Garuu gosa bilbila keessanirratti hundaa’uun tartiiba kanaan jiraachuu dhiisuu waan danda’uuf ‘Data usage‘ kan jedhu barbaaduun seenaa). itti aansuun mallattoo tuqaa sadii gubbaa gara mirgaatti argamu cuqaasuun ‘Restrict app background data’ kan jedhu mallattoo Raayit ✔️ itti godhaa.

Warri akkasitti isiniif hin fidnemmoo tartiiba kana hordofaa

Settings > apps > browser apps > data usage > ‘background data‘ kan jedhu disable or off godhaa. (Hubachiisa: browser apps yoo jennu appii interneetiidhaan dalagan hunda kan akka Facebook, telegram, imo, whatsapp, playstore, chrome fi kkf hundasaanii tokko tokkoon seentanii background data isaa off gootu jechuudha. Kana malees app haaraa yammuu install gootanitti seentanii off gochuu hin dagatinaa)

Bilbila samsung version 4.0 gadii kan fayyadamtan data usage waan hin qabneef, tartiiba kana hordofaa:

Setting > accounts & sync > background data kan jettu disable godhaa.  Dabalataanis, Setting > Privacy < back up my data kan jedhu disable godhaa. (kun samsung android 4.0 olii baayeerras ni jira)

Yoomessaawwan (setting) armaan gadii immoo bilbila hundarratti common ta’anii kan hojjataniidha.

Setting > Developer options (Bilbiloota tokko tokkorraa immoo: Setting > About Phone < Developer options) kan jedhu keessa seenuun ‘Background process limit’ kan jedhu filachuun ‘Standard limit’ irra kan jiru ‘No background process limit’ kan jedhutti jijjiiraa. (Hubachiisa: asirratti bilbila tokko tokkorraa yeroo bilbilichi switch off ta’ee deebi’ee banamu ofiisaan ‘Standard limit’ kan jedhutti of deebisuu waan danda’uuf yeroo yeroon check gochuun gaariidha)

Developer options kan jedhu yoo hin jiru ta’e Setting < About phone  seenuun ‘build number’ kan jettu si’a torba walfaana cuqaasaa. Kana booda back yammuu gootan ni argattu.

bilbilli keenya ofiisaan update akka of hin goone taasisuu:

Setting < About phone < Software update seenuun ‘Auto update’ kan jedhurra mallattoo ✔️ yoo jiraate irra kaasaa.

GPS mobaayila keessanii cufaa. Data’n banamee osoo jiruu game fi appii interneetii ittiin hin fayyadamne hin seeninaa. Sababnisaa appin baay’een beeksisa ofirraa waan qabuuf yeroo sana data keessanii waan nyaatuuf. Playstore bilbila keessanii data dhaan osoo seenuu dhiistanii gaariidha. Dabalataan namoonni telegram fayyadamtan tartiiba kana hordofaa:

setting > data & storage > auto download media < when using mobile data kan jettu cuqaasuun mallattoo ✔️ irra jiru hunda irra kaasuun ‘Save’ godhaa bahaa.

Data qusachuuf karaa biroo https://oromiasamsung.com/moosaajota-mobile-data-isiniif-qusatan-10n-ምርጥ-አስር-የ-ኢንተርኔት-ዳታ/

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time