Kompiitara faayyadamuun bilbila namootaa too’achuun akkamitti?

Sooftweerii kompiitaraa Androrat (Android Remote Administration Tool) jedhamu fayyadamuun bilbila android ta’e too’achuun ni danda’ama. Kuniis gama tokkoon faayidaa kan qabu yoo ta’u gama kaaniin ammoo yakkaadha. Kanaafuu, barnootaawwan kana fafakkaatan bakka barbaachisaa ta’e qofatti faayyadamaa malee, namoota ittiin miidhuuf hin fayyadaminaa isiniin jenna.

Adnrorat Maali?

Sooftweerii kompiitaraa ‘Java Programming language ‘ fayyadamuun barreeffame yoo ta’u kompiitaraan bilbila android ta’e butuu ykn too’annaa ofii jala oolchuu kan dandeessisudha. Sooftweeriin kun kan oomishameef kaayyoon isaa guddaan abbaa fi haati wanta ijoolleen isaanii bilbilaan raawwachaa oolan hordoofuufi dha. Kanaafuu, isiniis faayidaa akkas akkasii qofaaf fayyadamaa.

Sooftweeriin kun (androrat apk binder.exe) malware program mataasaa qaba. Haaluma kanaan app android beekamoo kan akka gallery, xender, file manager fi kkf faana walta’uun waan fedhe dalaguu danda’a. akkaataa itti faayyadama isaa dhuma irratti ni ilaallaa guutuu dubbisaa.

Sooftweerii ‘Adnrorat’ jedhamu kanaan wantoota gurguddoo 9 raawwachuuni dandeenya

1. Lakkoofsa bilbila namaa galmeessuu, kan galmeeffamanii jiranis ilaaluu, edit gochuu, balleessuu fi kkf.
2. Bilbilicha vibrate, silent fi normal gochuu.
3. Bilbilichaan interneetii kompiitararratti fayyadamuu.
4. Ergaawwan (messages) erguu, ilaaluu, balleessuu fi kkf.
5. GPS gargaaramuun bakka bilbilichi jiru beekuu.
6. Suuraa ittiin kaasuu dandeenya. suuraa sanaas fudhachuu dandeenya.
7. mallattoo tokko osoo hin agarsisin kaameeraa bilbilichaa selfie fi back camera isaa fayyadamuun viidiyoo waraabuudhaan nama bilbilichi harka jiru ‘live’ hordofuu dandeenya.
9. Waraabduu sagalee (audio record) bilbilichaa gargaaramuun sagalee waraabuu fi ‘live’ sagaleen waan haasayamaa jiru dhaggeeffachuu dandeenya.

Akkaataa itti faayyadama Adnrorat

Sooftweerii kana utuu fayyadamin dura:

a. ‘Java’ kompiitara keessanirratti install godhaa.
Java link kana seenuun buufadhaa: https://www.oracle.com/java/technologies/javase-jre8-downloads.html
b. Router port forwarder link kanaan buufadhaa: http://www.routerportforwarding.com/
c. Antivirus fi firewall turn off godhaa.
d. Wireless router fi internetii ariitii gaarii qabu qopheeffadhaa

Itti aansuun tartiiba kanaa gadii sirnaan hordofaa:

1. Port router forwarder fayyadamuuf IPv4 address beekuu qabdu. Kana gochuuf, CMD banaatii ‘ipconfig’ jettanii barreessuun enter godhaa. IPv4 address argattan copy godhaa.
2. Port Router forwarder install godhaa. Erga install gootanii booda bu’aa installation isaa banaa. Yeroo Router sun mul’atu ‘Add button’ kan jettu click gochuun maqaa barbaaddan itti kennaa. Protocol TCP jedhee jiru irra darbuun Port kan jedhurratti 8080 barreessaa. Internal IP kan jedhu keessattimmoo IPv4 keessan barreessaa. itti aansuun OK jedhaa. (suuraa asii gadii ilaalun hubadha)

3. Appii androrat link https://drive.google.com/file/d/1jqwmxEKcLBUeA895zGGiyH68eMQyWt92/view seenuun buufadhatii bilbila keessanirratti install godhaa. Itti aansuun folder androrat seenuun ‘androrat binder’ kan jettu filadhaa. itti fufuun build option filachuun application uummadhaa. IP bakka jedhutti IPv4 address galchaa. fill Port : 8080 godhaatii hamma application isiniif uumamutti eegaa. (suuraa asii gadii irraa hubadhaa)

4. Stepi armaan olii sirnaan erga xumurtanii booda, smartphone keessan guutummaatti to’achuu dandeessu. itti aansuun Androrat folder galchaa, kana booda Androrat folder kan biroo argitu. Androrat server application open godhaa. Menu server cuqaasuun port filachuun ‘8080’ galchuun OK click godhaa. Appicha close godhaa, deebisaa open godhaa. (suuraa asii gadii irraa hubadhaa)

5. Erga appicha bantanii hamma inni smartphone keessan wajjin walqunnamutti eegaa. (suuraa asii gadii irraa hubadhaa)

6. Smartphone keessan filachuun ‘GO’ gochuun ‘Client’ click godhaa. Itti aansuun User interface menu filadhaa. (suuraa asii gadii irraa hubadhaa)

Amma xumurtanii jirtu jechuudha

Monitoring (bulchuu): menu kana keessatti bilibila bilbilamu hundaa fi message hunda to’achuu dandeessu. Send Command (Ajaja erguu): message erguu bilbila bilbiluu dandeessu. Get android data (Data bilbilicharra jiru argachuu danseessu): asirratti camera, microphone, contacts, SMS, call history fi kkf bilbilichaa faayyadamuu dandeessu. dhimma gaarii ta’e qofaaf itti faayyadamaa Galatoomaa.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time