Facebook irratti vidiyoo fedha keenya malee ofiin play ta’u dhorkuuf

Bilbila keessan ykn kompiitara keessanirratti maxxansaawwan jiran (newsfeed) yeroo ilaaltanitti vidiyoowwan maxxanfamanii jiran ofii isaanitiin play ta’u. inniis fedha keenyaan ala jechuudha. kuni immoo Data fi Battery keenya dafee akka dhumuuf sababa guddaadha. Kanaafuu, facebook bilbila Android, i phone fi kompiitara irratti viidiyoon akka hayyama keenya malee play hin taane itti godhamu amma ilaalla.

Kompiitara keessan irratti ‘Auto Play’ dhaabsisuuf tartiiba armaan gadii hordofaa

1. Browser kompiitaraa irratti Facebook account keessan banaa
2. Garaa harka mirgaa gubbaan mallattoo sarara sadii cuqaasuun ‘Settings’ keessa seenaa.
3. Filannoowwan gama harka bitaa garaa dhumaarratti argaman keessaa ‘videos’ kan jettu tuqaa.
4. Itti aansuun ‘Auto-play videos’ kan jettu ‘off’ godhaa.

Bilbila android irratti ‘Auto Play’ dhaabsisuuf tartiiba armaan gadii hordofaa

1. Appii Facebook banaa
2. Gubbaa harka mirgaarraan mallattoo sarara sadii jirtu tuqaa
3. Xiqqoo gad bu’uun ‘Settings’ seenaa. 
4. Itti aansuun gara gadiitti kan argamu ‘Media & Contacts’ kan jedhu jalaa ‘Videos & photos’ kan jedhu filadhaa. (Facebook Lite yoo ta’emmoo ‘Auto-play videos’ kan jettu cuqaasaa)
6. Dhumarratti ‘Never autoplay’ videos kan jettu filadhaa. (Facebook lite yoo ta’emmoo ‘Autoplay videos’ kan jettu egaa cuqaastan booda ‘turn off/disable’ godhaa)

Bilbila i phone irratti ‘Auto play’ dhaabsisuuf tartiiba armaan gadii hordofaa

1. Appii Facebook banaa
2. Gubbaa harka mirgaa baafata jiru keessa seenaa
3. Gad bu’uun ‘Settings & privacy’ kan jettu cuqaasaa.
4. Itti aansuun ‘Settings’ filadhaa.
5. Gara gadiitti gad bu’uun ‘media & contacts’ keessa seenaa.
6. Dhumarratti ‘Autoplay’ kan jettu ‘off’ godhaa.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time