Jechoota ICT faayidaa gurguddaa qaban hiikaa isaanii fi faayidaa isaanii

1. Blacklist :-  Hiikoon isaa ‘Galmee gurraacha’ jechuudha. Faayidaan isaa hayyama dhorkuudha.
2. Cookie :- Broowserii kompiitaraa yammuu seennee baanutti, kompiitarichi fuula website sanaa save godhee kan inni qabatuudha. Faayilli kun size’n isaa xiqqaa yammuu ta’u adeemsa keessa baay’inaan yoo fayyadamnu guddachaa adeema.
3. Encryption : – hiikoon isaa ‘icciteessuu’ jechuudha. Kunis encryption key fayyadamuudhaani. 
4. Input :- waan nuti kompiitara ykn mobile keenya yeroo waa fayyadamuuf jennu kan ittiin ajajnudhaa. Fakkeenyaf; keyboard, mouse fi kkf.
5. Output :- kan nuti ajajnerratti hundaa’uun bu’aa ajajaa keenyaa kan nuuf himan ykn dalagani dha. Fakkeenyaf; screen, speaker fi kkf.

6. CD burner :- CD duwwaa ta’an irratti waa barreessuu/fe’uu kan danda’u drive komputaraati. DVD burner kan jedhamus DVD duwwaa ta’anirratti kan barreessu/fe’u dha.
7. DVD-RW drives :- kunimmoo CD ykn DVD irratti waan barreeffame/fe’ame balleessee deebisee barreessuu kan danda’uudha.
8. Digital signature :- encryption fayyadamuun faayila/ergaa tokko nama sirrii nuti yaadnerraa kan ergame ta’uu kan ittin adda baafannudha. (mallattoo dijitaalaa jechuuni dandeenya)
9. Domain name :- Teessoo/address maqaa isaan ibsamu. Fakkeenyaf; marsaaritin keenya galuuf kan gargaaru www.oromiasamsung.com kan jedhu kuni ‘Domain name’ jedhamee waamama. Fakkeenya biraa maqaakee.com yoo jedhees ‘Domain name’ jedhamee waamama.
10. Eraser :- kompiitara ykn bilbila irraatti faayiloota argaman guutummaan guutuutti balleessuu kan danda’uudha.

11. Free ware :- bilisaan kan argaman, haa ta’u malee akkaataa uumamasaa (source code) argachuuf sooftiweerota dhorkaawwan seeraa fi teeknikaa raawwatan
12. GPS :- gabaajeen isaa ‘Global Positioning system’ jedhama. Kuniis saatalaayitii fayyadamuun bakkaa fi yeroo waan barbaadamee beekuuf kan gargaarudha.
13. Hacker :- Nama dhiyoorra ykn fagoorra taa’ee iccitii namaa kan hatuu fi too’annaa isaa jala oolchu.
14. IP address :- kompiitarri tokko interneetii ykn meeshaalee biroo qilleensarratti wajjin yoo wal quunnamuuf koodii addaa inni kennudha.
15. ISP : – Internet service provider jechuu yoo ta’u , Dhaabbata sarara tajaajila interneetii qopheessaniidha.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time