Bilbila keessan irratti vidiyoo edit gochuuf Appii filatamoo ta’an 10

Vidiyoo tokko bifa ammayyaatin edit gochuuf kompiitara fayyadamuun dirqamaa miti. Moosajiiwwan (Aappiwwan) bilbila android irratti vidiyoo edit gochuuf nu gargaaran hedduutu jira. moosaajin gurguddaan akka kompiitaraatti bareechanii edit godhaniis ni jiru. kanaaf har’a moosaajiwaan kanneen keessaa filatamoo kan ta’an 10 isiniif dhiyeessineerra.

1. Filmora Go

Moosaajiin Filmora Go jedhamu kun namoota baay’ee biratti jaalatamaa kan ta’eedha. Kuniis vidiyoo kutuudhaan, zoom gochuun, muuziqaa ykn sagalee adda addaa itti makuu fi kkf bifa mijataa ta’een kan dalaguudha. 
Filmora Go playstore irraa argachuuf: https://play.google.com/store/apps/details?id=com.wondershare.filmorago 

2. Adobe Premiere Rush

Moosaajiin kun kompiitara irratti baay’ee kan beekamu yommuu ta’u dhiheenya bilbila irrattiis tajaajila kennuu egalera. ariifataa fi fayyadamuuf kan namatti toludha. suuraawwan garaa garaa walitti fiduun vidiyoo bifa nama hawwatuun hojjechuuf baay’ee filatamaadha.
Adobe Premiere Rush playstore irraa argachuuf:
https://play.google.com/store/apps/details?id=com.adobe.premiererush.videoeditor

3. Video Show

Moosajiin kun badhaasa hedduu kan argate yoo ta’u, fayyadamnisaa salphaadha. Kunis filter, muuziqaa fi sagalee itti dabaluuf mijataadha.
Video show playstore irraa argachuuf: https://play.google.com/store/apps/details?id=com.xvideostudio.videoeditor

4. Power Director

Fayyadamnisaa salphaa ta’ee, vidiyoo barbaanne sekoondii sekoondiidhaan adda baasnee bifa barbaachisaa ta’een edit gochuu dandeenya. Garuu furtuuwwan inni of keessaa qabu sirriitti baruuf yeroo isinitti fudhachuu danda’a. Appii kanarratti vidiyoowwan walitti fiddanii ykn addaan murtanii transition 30 ol keessaa filachuun gidduu galchuu dandeessu.
Power Director playsore irraa argachuuf: https://play.google.com/store/apps/details?id=com.cyberlink.powerdirector.DRA140225_01

5. Kine Master

Moosaajin kun amaloota baay’ee kan qabuu fi akka mijataa ta’etti sekoondii tokko bakka kudhanitti hiruun gad fageenyaan edit gochuu kan nu dandeessisu dha. Moosaajiin kun yeroo ammaa namoota youtube fi instagram irra hojjatan biratti fudhatama guddaa kan qabuudha. Sababni isaas haala barbaadameen hojjachuu fi ariitiin waan hojjatuufi. Kine Master keessoo isaa dafanii beekuuf tutorial (barnoota) isaa youtube irraa daawwachuun barbaachisaadha.
Kine Master playstore irraa argachuuf: https://play.google.com/store/apps/details?id=com.nexstreaming.app.kinemasterfree

6. Quik

Moosaajin kun seenaa keenyaa ykn seenaa nama biroo suuraa wajjin wal makanii hojjachuuf mijataadha. Akkasumas fayyadamnisaa salphaa yoo ta’u vidiyoo crop gochuuf , barreeffamaa fi sagalee itti dabaluun akka barbaadametti hojjachuuf faayyada.
Quik playstore irraa argachuuf: https://play.google.com/store/apps/details?id=com.stupeflix.replay

7. Viva Video

Moosaajin kun vidiyoowwan akka waan ogeessaan hojjetamee baheetti kan hojjatudha. Dabalataan , Keessoo isaatii ‘slow motion’ fi ‘slide show maker’ of keessaa kan qabuudha.
Viva video playstore irraa argachuuf: https://play.google.com/store/apps/details?id=com.quvideo.xiaoying

8. Funimate video editor

Salphaatti vidiyoowwan bashannansiisoo hojjachuu fi edit gochuuf gargaara. 
Funimate video editor playstore irraa argachuuf: https://play.google.com/store/apps/details?id=com.avcrbt.funimate

9. Magisto

Moosaajin kun biyya keenya keessatti beekamtii kan hin qabne yoo ta’u. Garuu vidiyoo edit gochuuf baay’ee filatamaadha. Kuniis bifa bareedaa fi qulqullina qabuun video clip, photography, music texts fi kkf walitti dabaluu akkaataa gaarii ta’etti edit gochuuf ni gargaara.
Magisto playstore irraa argachuuf: https://play.google.com/store/apps/details?id=com.magisto

10. Inshot

Moosaajin kun qabiiyyeewwan babbareedaa vidiyoo bareechan hedduu kan of keessaa qabuudha. yeroo ammaa namoonni Appii kana beekan filannoo jalqabaa godhatanii itti fayyadamaa jiru. Keessumaa namoota YouTube, Instagram fi kkf irraa hojjataniif faayidaa guddaa kan qabuudha.
Inshot playstore irraa argachuuf: https://play.google.com/store/apps/details?id=com.camerasideas.instashot

Hubachiisa: Moosaajiwwan armaan olii tokko tokko mobaayila android version gad aanaa qabanirratti waan hin hojjanneef kan isiniif hojjatu filachuun itti fayyadamaa.

4 Comments
  1. Izeddin Kelifa says

    Ulfaadhu .adoben Bilbila version ishee xiqqo irratti hin hojjattu..

    1. abdulwasi says

      Galatoomi! Adobe qofaa miti. Aappiin vidiyoo bifa bareedan edit godhu hundi bilbila xixiqqaa ni tuffatu. bilbiloota xixiqqaa irratti yoo hojjataniis hangas mara nama hin gammachiisu, qulqullina vidiyoo hir’suu irraa kaasee hanga bilbila sana dadhabsiisutti deema.

  2. Ahmed osman says

    Galatoomi
    Bilbila vershini meeqa irratti hojjeta filmora gone
    Yeroo playstore kessa seenne install nuuf hin fidu rakkinni maali

  3. moonee tube says

    bayyae galatoomaa warri oromo Samsung
    waan saba keessan fayyadu nuuf qoodu kessanif heddu ulfaadha

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time