Bilbila kee guututti Format gochuun dura waa 3 beeki

Bilbila kee Hard Reset/Restory & factory osoo hin godhin dura wantoota ijoo kana sadan qalbeeffadhu.

Yeroo tokko tokko sababa garagaraan bilbila keenya Reset gochuu dandeenya. Kuniis bilbila rakkoon keessoo isaatti baay’ateef yeroo baay’ee furmaata waan ta’uufi. Haa ta’u malee bilbila keenya yammuu reset goonutti rakkooleen garagaraa nu mudachuu danda’u. Kanaafuu of eeggannoo barbaachisaa jedhame 3 akka armaan gaditti ilaalla.

1. Faayila barbaachisoo bilbilicharraa qabnu bakka amansiisaa ta’etti back up godhannee kaa’uu qabna. Akkasumas bilbilicha osoo reset hin godhin dura faayiloota barbaachisoo ta’anii dagataman yoo jiraatan irra deddeebiin sakatta’uun gaariidha.

2. Yeroo Reset gochuuf jennutti bilbilli keenya chaarjii 50% ol yoo qabaate gaariidha. Sababni isaas, Reset godhee osoo hin xumurin yoo chaarjiin cufe bilbilicharratti rakkoo guddaa fi kan deebi’ee sirraahuu hin dandeenye uumuu waan danda’uufidha.

3. Dhimmi murteessaan tokkommoo bilbilicharraa FRP (Google Account) off gochuu qabna.

FRP akkamiin cufna?

Bilbilli hundi FRP hin qabu. Garuu bilbiloonni Ammayyaa ta’an baay’een isaanii ni qabu Kana beekuuf ‘Recovery mode’ keessa erga seennee booda, barreeffamoota tarreeffamanii jiran keessaa ‘FRP’ kan jedhu barbaadna. yoo jiraate on/off ta’uusaa adda baafanna. yoo off ta’ee jira ta’e rakkoo hinqabu. yoo on ta’ee jiraate immoo turn off goona. yoo FRP kana osoo off hin godhin bilbilia Reset/Format gootan deebi’ee banamuuf email fi password duraan faayyadamaa turtan isin gaafatuu hin oolu. Kanaafuu, osoo bilbila keenya Reset hin godhin dura qajeelfamoota kana yaadaan qabannee sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaadha.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time