Dhaabbanni Google addunyaa kana waggaa Tiriiliyoona 1.5’niin dursaa jira

Dhaabbanni Google addunyaa kana waggaa Tiriiliyoona 1.5’n akka dursu beektu?

Dhiheenya kana Googiliin Supper Kompiitarii addunyaa naasise hojjatee ture. Kompiitarri kun ariitii adda ta’e kan qabuu fi kompiitaroota hanga har’aatti turan kan caalu ta’uu isaadhaan jajamuu fi beekamtii adda ta’e gonfateera. Kompiitarri kun koodii kompiitarri ykn maashiniin kamiyyuu akka salphaatti hiikuu hin dandeenye hiikuu isaatiin dandeettiin isaa baayyee cimaadha jedhame.

Hoogganaa kutaa qorannichaa kan ta’anii fi Yuunivarsiitii Kaalifoorniyaatti qorataa Fiiziksii kan ta’an Saantaa Barbaaraa gaazexeessaa Neecher jedhamutti akka himanitti, kompiitarri kun koodiiwwan baay’ee wal-xaxoo ta’an hiikuu fi xumuruudhaaf gara sekoondii 200 qofa itti fudhata jedhaniiru. Kuniis kompiitaroota kanneen kana dura jiraniin haa hojjatamuu yoo jedhame hanga waggaa kuma 10 (10,000) itti fudhachuu danda’a jedhan.

Qorattoonniis gama isaanitiin kompiitarri adda biraan waggaa amma kana akka hin fixne taasisuuf Hardiweeriin isaa baay’ee ammayyaawaa akka ta’uuf sirritti hojjachuu barbaada kan jedhan yoo ta’u, nuti garuu jedhu qorattoonni kun, amma ariitii keenya tiriiliyoona 1.5’n guddisuu keenyaan baay’ee kan gammadnuudha jechuun dubbataniiru.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time