Bilbila akka tasaa bishaan seenef furmaata

Yeroo bilbilli keenya tasa bishaan keessa seenu gocha bartee dogongoraa namoota hedduu fi furmaata sirrii

Yeroo baayee namoonni bilbilli isaanii yoo bishaan seenu aduu keessa yammuu kaa’an argina. Kunis ilaalcha ‘yoo aduun itti bahe, bishaan keessa seene sun qooree mobaayilichi sirrachuu danda’a‘ jedhanii yaadaniiti. Garuu kun dogoggora guddaa akka nama rasaasaan rukutame bishaan obaasnuuti. Kuniis bilbilli keenya deebi’eellee sirrachuu akka hin dandeenyeetti gubee hambisuu danda’a. Kanaafuu tasumaa aduu keessa kaa’uu hin qabnu.

Dogoggorri kan biroon bilbila bishaan seenee bahe chaarjiirra gochuudha. Kuniis hamma mobaayilichi gubatutti miidhaa geessisuu danda’a. Kanarraas of qusachuu qabna.

Furmaatni sirriin maali?

Furmaatni sirriin yoo bilbilli keenya bishaan seenu:
1. Dafnee dhagaa isaa baasuu yoo kan dhagaan hin baane ta’e ‘power off’ gochuu
2. Dhagaa erga baasnee booda mana suphaa elektironiksii naannoo keenya jirutti geessuun bishaan keessaa haxoofsisuu
3. Yoo mana suphaa argachuu hin dandeenye ‘Ruuzii nyaataa’ binnee bilbilicha Ruuzii keessa bulchuu

Kanneen olii sadan yoo raawwanne bilbila keenya rakkoo kamirraayyuu baraaruu dandeenya. Yoo akkas gochuu dhiisnee akkuma barame aduutti baasne bilbilli keenya maal miidhamuu danda’a?

Yeroo aduutti baasnee gogsinu mi’oonni sibiilaa mobaayilicha keessa jiran daanda’uu/siilla’uudhaan , fakkeenyaaf LCD lite bilbilichaa hojii ala gochuu danda’a. Akkasumas otoo earphone itti hin kaa’amin mallattoo earphone fiduudhaan sagalee akka nu hin dhageessisne fi MIC isaas akka hin hojjanne taasisa. Kanaafuu, qajeelfama sirrii ta’e fayyadamnee bilbila keenya rakkoorraa eeguun gaariidha.

2 Comments
  1. ????? says

    ?????? ??????????! ???????????? “?????????????” ???????? ???:
    ???????? ?????? ??? ???ℎ??? ?????? ??’? ????????? ??? ???? ???ℎ?? ?????????? ?????????? ?ℎ???? ?????? 3???? ???? ???? ?????????? “?????? ???????” ?????? ???? ????ℎ??? ???? ℎ??????? ?????! “??????? ???????” ??? ??? ?????????? ???????? ???ℎ??’???ℎ????? ?ℎ???ℎ?? ??????.?
    ????ℎ?? ??????? ????? ??????? ?????? ?? ??????????

    1. abdulwasi says

      Isiniis Galatoomaa! Ruuza dheedhii akkuma suuqarraa bitameeni

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time