Interneeta kompiitaraan yeroo fayyadamnutti Shortcut faayidaa gurguddoo qaban 13

Interneetii kompiitara irratti yoo fayyadamtan yeroo keessan qusachuuf shortcut armaan gadii tokko tokkoon akka tajaajila isaaniitti itti fayyadamuu ni dandeessu:

1. Akkuma beekamu fuula website tokkoo seenuuf yeroo search goonu https:// ykn wwww jennee dursinee barreessuu eegalla. Akkasumas dhuma maqaa websaaytichaarraatti .com jennee barreessinee search goona ta’a. Garuu shortcut CTRL + Enter fayyadamnee maqaa websaaytichaa qofa galchinee websaayticha argachuu dandeenya.

Kunis CTRL + Enter walfaana yeroo gadi qabnu ofiisaatiin http:// ykn www jalqabarratti , dhumarratti immoo .com jedhee itti dabalee nuuf barreessee salphaatti gara websaaytii barbaanne sanaa nu geessa.

Kana qofaa miti: teessoon websaaytichaa dhumnisaa .org kan jedhu yoo ta’e akkuma armaan oliitti CTRL + Shift + Enter fayyadamna. Dabalees teessoon websaaytichaa .net jedhee kan xumuru yoo ta’e Shift + Enter fayyadamuun maqaa websaaytii qofa barreessinee argachuu dandeenya.

2. Column tokkorraa gara column kan birootti jijjiiruuf furtuu Tab fayyadamuu dandeenya. Gara column jalqabaatti deebisuuf Shift + Tab fayyadamuu dandeenya.

3. Tab haaraa banuuf Ctrl + T fayyadamaa.

4. Tab banamanii jiran cufuuf Ctrl + W fayyadamaa.

5. Tab tokkorraa gara tab kan biroo deemuuf Ctrl + Page up ykn Ctrl + Page Down fayyadamaa.

6. Tab yeroo dhiyootti cufamee ture irra deebiin banuuf Ctrl + Shift + T fayyadamaa.

7. Websaaytii irratti guddina qubee (font size) dabaluuf Ctrl & + walfaanaa gadqabaa, hir’isuuf Ctrl & walfaana gad qabuun fayyadamaa. Akkasumas gara font jalqabaatti deebisuuf Ctrl + 0 fayyadamaa.

8. Link tokko tab haaraadhaan banuuf (opening link in a new tab): mata duree banuuf barbaaddan irratti ‘Ctrl‘ cuqaasuun , gara gadii jira yoo ta’es websaaytii barbaaddan sana keessaa filachuun ‘Ctrl‘ cuqaasuun fuula haaraa ittiin banuu dandeessu.

9. Waan search goonu qulqulluu isaa argachuuf waan search gochuuf barreessitan mallattoo waraabbii ( ”  “ ) keessa galchaa. 

10. Bakka weebsayiitii irratti barreessitan salphaatti argachuuf Alt + D ykn F6 fayyadamaa.

11. Fuula weebsaayitii isin barbaachisan yeroo biroof kaawwachuuf (bookmark gochuuf) Ctrl + D + Enter fayyadamaa.

12. Bookmarks kana dura kaawwattan argachuuf gabaabaatti <Ctrl + B> fayyadamaa.

13. Fuula websaayitii fayyadamaa jirtan refresh gochuuf <Ctrl + Shift + R> fayyadamaa.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time