Whatsappii nama feenee butuu ni dandeenyaa?akkamitti? የሌላ ሰውን ዋትሳፕ እንዴት መጥለፍ እንደምቻል

Whatsappiin waan end-to-end encryption jedhamu qaba. kana jechuun Ergaalee karaa whatsappiin erginuufi fudhannu hunda Nuyi lamaan malee namni kamuu arguu hin dadnda’u jechuudha. yoo dhaabbanni whatsappii ofuma isaatif iccitii keenya baasuu barbaade akka arguu hin dandeenye nuuf ibsa. Yoo akkas tahe karaan namoonni itti faayyadamuun ergaa namoota biroo ittiin hatan isa kami? kan asii gadiiti.

Whatsapp web kan jedhamu jira karaan kuni bilbila nama tokkoo yoo sakandii 5-f qabachuu dandeenye salphatti akka ergaalee isaa guutuu argannu nu taasisa. (whatsppin nama sanaa nu birattiis akka mul’atu ni taasisa jechuu) karaan kun seera qabeessa yommuu ta’u whatsppiin ifatti tajaajila kana qaba. Garuu akka ati namoota biroo ittiin gowwoomsituuf osoo hin ta’in, Ati whatsappii kankee lakkoofsa tokkoon bakka lamatti akka itti faayyadamtuufidha. Namoonni badii tokko tokko immoo yogguu dhoksaan hiriyoota isaanii gowwoomsan ni mul’ata. Nuti akkas akka gootan goonkumaa isin hin gorsinu, Garuu akkuma whatsappin jedhutti akka itti faayyadamtaniif akkaataa asii gaditti dhiheessineerra.

Dursa gara wahtsapp web imaluu qabdu. gara whatsapp web imaluuf filannoo lamatu jira. inni tokko gara marsaaritii web.whatsapp.com/ imaluudha. kan lammataa moosaajii Whats Web jedhamu play store keessaa buufachuudha.

  1. https://web.whatsapp.com/
  2. https://play.google.com/store/apps/details?id=com.whatsweb.app&hl=en_US

karaan jalqabaa warroota PC (Laptop) faayyadamaniif ni gargaara karaan lammaffaa warroota bilbila faayyadamaniif ni gargaara. akkaatan itti hojjatu baay’ee salphaadha. sakandii muraasa keessatti whatsappii barbaanne tokko butuu ni dandeenya.

Whatsapp web yogguu qopheeffattan fuula jalqabaa irratti QR code wal keessa xaxamaa ta’e ni argattu. kan jidduu irratti mallattoo whatsappii of keessaa qabu kana jechuudha. Fkn. suuraa asii gadiitin.

  • Amma gara whatsappii butuu feenuu bira deemun Tuqaa sadeen migarra jirtu tuqna.
  • itti aansun Whatsapp Web kan jedhu ni argannaa irratti ni tuqna.
  • achi booda Kameeraa bilbila keenyaa nuuf bana. kameeraa sana gara Whatsapp web (QR code) jalaqaba qopheeffanne irratti qabnaa sakandii muraasa ni eegna.

Dhumate! kallattiin wahatsappin suni bakka lameenitti mul’achuu eegala. Ergaalee dhufu hunda bakka lameenitti arguu dandeenya. yoo feene waa erguu yoo feenes haquu ni dandeenya.
Whatsappiin kee hatamee yoo ta’e beekuf Liinkii asii gadii tuqi.
https://youtu.be/k52II3XkN_Y

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time