Whatsappii irratti waan namoonni hedduun quba hin qabne 5 – በዋትሳፕ ላይ የማይታወቁ አምስት ነገሮች

Whatsappiin hunda keenyaf Moosaajii baay’ee jaalatamaafi kan yeroo hedduu itti faayyadamnuudha. qunnamtii interniitaa qabaannee osoo whatsappii hin seenin oollee hin bullu taha, wahtsappin yeroo yeroon tajaajila isaa ni fooyyeessa dhimmoota murteessoo jedhuus itti dabalaa deema. Maxxansa keenya har’aatin settingii whatsapp keessatti wantoota hedduu hin baramin shan (5) isiniif himna.

1. Dark Theme:- whatsppiin waan dhiheenya kana itti dabale keessaa tokko Dark Theme dha. Halluu adii irraa gara halluu gurraachatti jijjiirun itti gargaaramuu ni dandeenya. kuni immoo fayyaa ija keenyaf barbaachisaa waan ta’eef hedduu nu faayyada. irra caalatti namoonni dukkana keessa taa’un whatsppii faayyadaman Dark Theme irra godhachuun baay’ee gorfama.
DarkTheme argachuuf:- Whatsapp Settings Chats Theme

2. Who can add me to Group:- yeroo garaa garaatti namoonni nuti hin beekne kara gareetti yogguu nu makan ni mul’ata. Kanaaf furmaatni jiru akka namoonni fedhan gareetti nun makne ofirraa ugguruudha. Hiriyoota keenya hundaaf akka isaan gareetti nu makaniif eeyyama laachuu, yoo barbaanne immoo namoota muraasa qofa filannee eeyyama laachufi dandeenya. kana jechuun warra nuti filanneen ala namni biraa gareetti nu makuu hin danda’u jechuudha.
Whatsapp Settings Account – Privacy Groups

3. .Storage usage:- Akkuma beekamu gareelee hedduu keessa jiraachuu dandeenya, namoota hedduunis waliif barreessuu dandeenya, bifuma kanaan photo, record, audio fi vidiyoon lakkoofsan baay’ee tahe nutti ergamuu danda’a. Maarree storage usage kana faayyadamuun wantoota whatsappii irratti waliif erginu hunda akka salphatti too’annaa keenya jala akka galchinu nu taasisa. Fkn. storage usage keessa yoo galtan garee fi namoota hunda isiniif tarreessee agartu. Garuu kanneen jalqaba irratti tarreeffaman warreen MB ykn GB hedduu isin jalaa qabataniidha. Fkn, gareen tokko MB 500 yoo qabate, sarara jalqabaa irraa taa’a, gareen kan biraa MB 450 yoo qabate sarara lammaffaa irra taa’a.. bifuma kanaan hunda isiniif tarreessa. isin kan bakka guddaa qabatee jiru irratti tuquun FREE SPACE gochuu ni dandeessu.
Whatsapp Settings Data and storage usage Storage usage

4. Chat Backup:- hunda keenya rakkoon nurra gayuu danda’a, rakkoon kuniis kan bilbila keenyaa ta’uu danda’a, bilbilii keenya nu jalaa hatamuu, cabuu ykn hojiin ala tahuus ni danda’a. yeroo kanatti Ergaalen whatsappii irraa qabnu guutun waliin baduu danda’a. Kanaaf furmaatni jiru Chat Backup gochuun iccitiilee keenya ol kaayyachuudha. guyyaa rakkoon bilbila keenya irra gaye salphamatti Ergaaleen whatsappii duraanii irra turan guututti akka nuuf deebi’u taasisa. (iccitiilee keessan whatsappii duraanii irra ture gara whatsappii kan biraatti dabsruu jechuudha)
Whatsapp Settings Chats Chat backup
yogguu Chat Backup seentan dursa gad deemun “Google Account” kan jedhuu tuqaaa Email keessan filadhaa, itti aansun ‘Back up to Google Drive‘ tuqaa automatic ofuma isaatif akka faayila keessan backup isiniif godhu filadhaa. Fkn, guyyaanin yoo feetan Daily, yoo torbaniin feetan Weekly, yoo ji’aan feetan Monthly, (Ani kan torbaniin filadha)

5. Font Size:- Ergaalee (barreeffama) whatsappii irratti erginuufi nuuf ergamu Saayizii isaanii guddisuufi xiqqeessuu ni dandeenya. amma barruuleen whatsappii keessan irraa yoo isinitti xiqqaate itti dabluu yoo isinitti guddate immoo xiqqeessuu ni dandeessu. whatsppiin filannoo sadi (3) isiniif kaaya. isaanis small, medium fi Large dha.
Whatsapp Settings Chats Font size

Maxxansa Technology birootif guyyaa guyyaanin Google irra seenaa oromiasamsung.com jedhaa barreessaa.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time