Whatsappii irratti Sagalee Daqiiqaa 10’n tahu Daqiiqaa 5ni gaditti dhageeffattee xumuruuf

Whatsapp jechuun hunda keenyaf Aappii baay’ee barbaachisaadha. Guyyaanin osoo whatsapp hin faayyadamne kan oolee bulu hin jiru jechuun ni danda’ama.

Namoota dhuunfaa irraa ykn Gareelee adda addaa irraa Record/Audio’n nuuf ergamuu danda’a. Sagalee kun baay’ee dheerate yoo tahe, Yeroo keenya akka nu jalaa hin fudhanneef irra daddabaarsuun dhageeffanna. Ykn xiqqoo dhageeffannee itti dhiifna taha.

Kanaaf furmaata kan tahu Aappii ‘Talk Faster‘ jedhamu faayyadamuudha. Aappii kana faayyadmnee Sagalee daqiiqaa dheeraa tahe daqiiqaa muraasa keessatti dhageeffannee xumuruu dandeenya. Wanti kun ajaa’ibsiisaa isinitti fakkaachuun ni mala. Garuu qophina (speed) sagalee sanaa itti dabaluufi hir’isuun waan tahuuf, hangas mara ajaa’ibsiisaa tahuu hin qabu.

Qophina waan tokkoo (audio/video) itti dabaluufi hir’isuun sirna vidiyoo editing keessatti waan baramaadha. Kan kana adda godhu; sagalee nuuf ergame osoo whatsapp irraa baafnee vidiyoo editing keessa hin galchin achuma whatsapp irra teenyee speed isaa too’achuu isaati.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time