Dureessi Addunyaa kanaa Bill Gates akkamitti Biliyeenara ta’e?
Addunyaa kanarra namoonni waan xiqqoorraa ka’anii durooman hedduutu jiru. Kanneen keessaa tokko Biil Geetis dha. Biil Geetis dureessa addunyaa kana keessatti sadarkaa olaanaa irra jiruudha. Onkoloolessa 28, 1955 A.L.A’tti Kutaa biyya Amerikaa, Siyaatil, Waashingitenitti dhalate. Abbaan isaa Wiiliyaam H. Geetis ogeessa seeraa beekamaa ture. Haati isaa, Meerii Maaksiwel immoo barsiistuu fi hojii tola ooltummaa irratti hirmaachuutiin kan beekamtuudha. Ijoollee isaanii sadan keessaa, Biil Geetis hunda caalaa fedhii dorgomanii injifachuu qaba ture. Barumsa isaatiinis cimaa fi fedhiin Sooftiweerii kalaquu fi duroomuu akkasumas, hojii tola ooltummaa irratti hirmaachuun waanuma ijoollummaatiin isa keessa buledha.
Biil Geetis yeroo barataa ture dubbisee hin quufu. Kitaabilee gara garaa kanneen akka Insaayikiloopiidiyaa osoo hin nuffin sa’aatii dheeraa dubbisa ture. Akaakuu barumsaa hundaanis dandeettii cimaa kan qabu yoo ta’u, hunda caalaa immoo Herreega, Diraamaa fi Afaan Ingilizii irratti dandeettii addaa qaba ture. Umrii 13 yeroo ta’u, maatiin isaa manni barnootaa uummataa inni keessa jiru dandeettii isaa waliin waan wal hin gitneef gara mana barnootaa qophaa’inaa dhuunfaa dorgommii cimaa
qabu, Leeksaayid jedhamu galchan.
Mana barumsaa kana keessattis guutummaa dandeettii isaa hojiirra oolchuuf kan isa dandeessisu dorgommii cimaa fi barumsa kompiitaraa ga’aa argate. Mana barnootaa kana irraa bara 1973 eebbifame. Qormaata seensaa qoramee 1600 keessaa 1590 sirriitti deebisuudhaan qabxii olaanaatiin Yuunvarsiitii Haarvaardi seera barachuuf seene. Biil Geetis pirogiraamii kompiitaraa irratti hojjachuuf umrii waggaa 13 irraa kaasee tattaafachuu jalqabe.
Jaalalaa fi fedhiin inni pirogiraamii kompiitaraa irratti qabu, yeroo kolleejjii seenus dabalaa deeme. Keessumaayyuu, manni barnoota qophaa’inaa ‘Leeksaayid‘ kanaaf haala mijataa uumeefii ture. Carraa argatetti gargaaramee, hiriyyaa isaa Paawul Alan waliin ta’ee, yeroo isaa fi yaada isaa gara kalaqa pirogiraamii kompiitaraatti deebisee si’aayinaan hojjete. Biil Geetis dandeettii kalaqaa qofaa osoo hin ta’iin, hojjatanii duroomuu kan jedhus waan keessa isaa jiruuf yeroo boqonnaa isaa abbootii qabeenyaa gurguddoo waliin dabarsa ture. Naannoo Siyaatilitti daldaltoota kampaanii gurguddaa qabaniif pirogiraamii kompiitaraa qopheessuuf yaalii godheen milkaa’eera.
Kana malees, hiriyyaa isaa sana waliin ta’ee haalota indastiriin kompiitaraa keessa jiru xiinxaluudhaan, maayikiroopiroseesariin yoo kalaqame, kompiitara xixiqqaa namni kamuu dhuunfaatti qabaachuu danda’u hojjechuun akka dandaa’amu hubate. Duraan kompiitarri harka nama dhuunfaa osoo hin ta’in, indastiriiwwan gurguddaa keessatti kan daanga’e ture. Biil Geetis, Haarvaarditti waggaa 1 ffaa barachaa osoo jiruu kompiitarri xiqqaan ‘Altair 800‘ jedhamu kaampaanii ‘MITS‘n kalaqamuu isaa barruu ‘Popular Electronics‘ jedhamu irraa dubbise. Yeroo kanatti kompiitara ‘Altair’ jedhamu kanaaf sooftiweeriin kalaqame hin turre. Kanas, Biil Geetis fi hiriyyaan isaa Paawul Alan akka carraa gaariitti fudhatan.
Haaluma kanaan, pirogiraamii kompiitaraa ‘BASIC‘ jedhamu ‘Altair 800‘ irratti akka hojjatuuf madaqsanii milkaa’an. Kanaan booda, barumsa isaa addaan kutee bara 1975 A.L.A’tti sooftiweerii qopheessuuf hojii isaa eegale. Adeemsa kanaan bara 1980 A.L.A’tti kompiitarri dhuunfaa
(PC) oomishamee akka gabaaf dhiyaatu ‘IBM‘ murteesse. Yeroo sana indastirii kompiitaraa keessatti gahee guddaa kan taphatu ‘IBM’ ture. Bu’uuruma kanaan, kaampaaniin ‘IBM’ jedhamu kun akkaataa kompiitarri itti hojjatu milkeessuuf fuula isaa gara Maayikiroosooftiitti deebise.
Bara 1975 Biil Geetis fi Paawul Alan, wal-ta’iinsaan kaampaanii Maayikiroosoofti jedhamu hojjattoota 28 qabatanii hundeessan. Biil Geetis itti gaafatamaa kaampaanichaa ta’ee hojjachuu eegale. Waggaa sadii booda, kaampaanichi babal’atee hojjattoonni gara 128 ga’an, qabeenyi immoo doolaara miiliyoona 16’tti ol guddate. Bara 1986 Biil Geetis aksiyoona Maayikiroosooftii keessaa dhibbentaa 45 dhuunfachuun umrii 31 irratti miiliyeenara (dureessa) ta’e. Yeroo kanatti qabeenya kaampaanichaa doolaara miiliyoona 525 keessaa kan Biil Geetis doolaara miiliyoona 234 ture. Haaluma kanaan guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa deemee, bara 1999 kaappitaalli isaa doolaara biiliyoona 101 ga’eera.
Bu’uuruma kanaan bara 1995 irraa kaasee itti fufiinsaan yeroo dheeraaf addunyaa kana irratti dureessa tokkoffaa ta’ee jira. Kaampaanii Maayikiroosooftii alattiis kaampaniin ‘Google‘ jedhamus kan isaati. Kaampaaniin kun hojii sooftiweerii kan dalagu yoo ta’u, bilbiloota keenya irratti moosaajonni kanneen akka: YouTube, Play Store, Play Music, Chrome, Maps, Drive, Gmail, Hangouts, Photos fi kkf kan dhaabbata Google kanaati;
Namoonni YouTube waliin hojjatan qarshii kan argatan Biil Geetis irraati jechuudha. Biil Geetis qabeenya kana hunda kan horate, harka duwwaa irraa ka’uuni, beekumsa mana barnootaa irraa argate gara kalaqaatti jijjiireeti. Kalaqa isaa immoo akka maallaqa argamsiisu godhee, kan argates qusateeti. Walumaa galatti, hojjatee duroome. Kalaqa isaatiin har’a addunyaa marattuu dhimma kompiitara waliin wal qabatuuf gargaarama.
Qabeenyi isaa maatii fi biyya isaa irra darbee addunyaa hunda gargaaraa jira. Yeroo fi maallaqa isaa harka caalu tola-ooltummaaf oolchaa jira. Biyya keenya dabalatee, biyyoota addunyaa hunda keessatti fayyaa fi barumsa irratti maallaqa hedduu baasii godhee hojjachaa jira. Kanaafis addunyaa kana irraa badhaasota kabajaa hedduu argatee jira. Namni kun, sooressa qofa osoo hin ta’iin baayyee arjaadhas. Dhaabbanni gargaarsaa isaas qarshii doolaara biiliyoona hedduu baasii gochaa adeema.