Mucaa kee too’achuf karaa salphaa / Google family

Waa’ee Aappii ‘Google family‘ jedhamu maal beektu?

Yeroo ammaa ijoollen xiqqeenyummaan Mobaayilaafi Tableetii harkatti guurrattee yaati, guyyaa of baran irraa gara addunyaa technology kanatti makamuus ni jaalatu. Addunyaa interniitaa kana irra akkuma gaarin jiru hamtuunis ni jirti. ijoollee lakkisaa jedhanii adabuun ni ulfaata. Sababa kanaafi yeroo adda addaatti malli ijoollee ittiin too’atan ni baha. dhaabbanni guddichi addunyaa kanaa Google illeen Aappii dhimma kanaaf sirritti faayyadu tolchee jira. Maqaan Aappii kanaa ‘Google Family‘ jedhama. salphamatti ijoollee keessan hamtuu irraa tiksuuf isin gargaara.

Aappin Google family jedhamu mobaayila Android, iPhone fi Tablet irratti ni hojjata. PlayStore fi AppStore keessaa buufachuu ni dandeessu dabalata liinkii kallattiin irraa argattan dhuma barruu kana irra ni jira.

Aappin kun akkamitti dalaga?

jalqaba Aappii Google family kana mobaayila keetifi kan mucaa keetii irratti download gochuu qabda. kana jechuun mobaayila keessan lameen irratti Aappii gosa tokkoo gad buuftu jechuudha. yeroo kana mobaayilli lameen wal bira jiraatus qaba.

itti aansun Aappii kana mobaayila lameen irratti ni bantu. fuula jalqabaa irratti filanoo isiniif kaaya. isin mobaayila keessaniifi mobaayila mucaa keessanii adda baaftuf ykn isa kee kan Abbaa gootaa kan biraa moo kan mucaa goota.. achi booda eeyyama tokko tokko akka guuttan isin gaafata akkuma Aappii kamuu faana bu’uutu isinirraa jiraata..

Bakka Email isin gaafatu yogguu geessan mobaayila lameen irratti Email gosa tokkoo guuttu. karaan ittiin mucaa keessan hordoftan iccitiin tokko kanaadha email fi passwordi gosa tokkoo Aappii Google family kana keessatti guutuu qabdu email fi passwordi kanaas mucaan keessan beekuu hin qabu.

Mucaa keessan hordofuuf kan isiniif eeyyamamu:

  • Aappii faayyadaman hunda ni agartu
  • Aappii hin barbaanne jalaa ugguruu dandeessu
  • Sa’aatii dheeraa Aappii kam irra akka turuus ni bartu
  • Yoo aappii haaraya gad buusuu barbaaade eeyyama isin gaafata
  • Yeroo inni mobaayila itti faayyadamu daangesssuu ni dandeessu FKN, halkan akka mobaayilli hojii dhaabu gochuu, yeroo barumsaatis akka hojii dhaabu gochuu, guyyaa barbaaddan guutumatti akka hin hojjanne gochuu ni dandeessu
  • Location bakka inni jiru baruus ni dandeessu
  • Dhaabbanni Google ofuma isaatif Aappifi website babbadoo ijoollef hin barbaachifne ugguruu irratti isin gargaara.
  • Mucaan keessan Aappii Google family mobaayila isaa irraa haquu hin danda’u, dirqama eeyyama keessan barbaaachisa.

kan ilaalun isiniif hin eeyyamamne:

  • Ergaa ykn misseejii barreessufi barreeffamuuf
  • waan daaw’atuufi search godhu
  • Gallery, bilbilaa fi kkf… ilaalun isiniif hin eeyyamamu.

Walumaa galatti kana fakkaata Aappiin ‘Google family’ jedhamu mobaayila keetifi mobaayila mucaa keetii jiddutti hojjata. Aappin mobaayila kee irraa akka ati mucaa kee too’attuuf haala siif mijjeessa, kan mucaa keetii ammoo duudaa jechuun ni danda’ama. kuni kan ta’u ammoo akkaata ati jalqaba filatteeni akkuma olitti jenne (Mobaayila keessaniifi mobaayila mucaa keessanii adda baaftuf ykn isa kee kan Abbaa gootaa kan biraa moo kan mucaa goota…) Mucaa kee too’achuu yogguu jennu haala ati mucaa keetitti daangaa hin darbineen ta’a.

Android irratti download gochuuf https://play.google.com/store/apps/details?id=com.google.android.apps.kids.familylink

iphone fi ipad irratti download gochuuf https://apps.apple.com/sa/app/google-family-link/id1150085200

Dubbisuu keessaniif Galatoomaa!

1 Comment
  1. www.xmc.pl Enterprise says

    You made some good points there. I looked on the internet for the subject matter and found most individuals will go along with with your blog.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time