Calculator iccitii keessan of keessatti qabatu – አስገራሚ የሞባይል ካልኩሌተር ስራ

Akkuma beekamu Bilbila keenya keessaa iccitii hedduu qabaachuu dandeenya iccitiilee kanneen ija namootaa duraa maqsuus ni barbaanna taha, kanaaf yeroo adda addaatti Aappii suuraa fi vidiyoo dhoksuuf nu gargaaran ni faayyadmna. Garuu Aappiileen akkasii tokko tokko ifa galoodha, Namni Bilbila keenya irratti arge salphamatti maalif akka download goone hubachuu danda’a. yoo nama gaarii hin tahin akkaataa Aappii sana itti cabsu barbaadus ni danda’a.

Har’a immoo Aappii bifa Herreegduu (Calculator) taheen hojjatame, Garuu hojiin isaa adda kan tahe isiniif fidnee jirra. Aappiin kun calculator haa fakkaatuu malee hojiin isaa suuraa, vidiyoo fi faayila adda addaa keessa dhoksuu dandeenya. Namni Aappii kana mobaayila keenya irratti arge Herreegduu (calculator) malee waan biraati jedhee goonkumaa hin shakku.

Calculator Vault gad buufachuuf ↓↓
https://play.google.com/store/apps/details?id=com.hld.anzenbokusucal&hl=en

itti faayyadama isaa

Aappin kun bifa Herreegduu/Calculator’n kan hojjatame yoo ta’u, faayila keenya guutuu keessa kaayyachuu dandeenya, Akka namoonni broo yoo Aappicha seenan gara faayila keenyatti hin dabarreef Lakkoofsa iccitii calculator irra jiru filachuun hidhanna, Faayila keenya yeroo barbaannetti kara Gallery keenyatti deebisuus ni dandeenya.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time