Laptop Filatamoo 6 Kan Bara 2021 Keessa Bitamuu Qaban

Koompiitaroonni akka laptop yeroo ammaa kanatti tajaajila hedduu kennaa jiru. Barataa kaasee hamma hojjattoota mootummaatti ittiin tajaajilamaa jiru. Mana taa’anii fageenyatti barachuufi Hojiilee adda addaa online irratti dalaguuf kan itti gargaaramaniis baay’edha. Namoonni hedduunis sababa Laaptooppin ulfaatinaa guddaa hin qabneefi fudhatanii iddoo tokko irraa iddoo biraatti sochoosun waan danda’amuuf ni filatu.

Maxxans har’aa keessatti Laaptooppii filatamoo bara 2021 Jaha (6) isiniif fidnee jirra. Laaptooppiwaan kun gatiin isaanii Doolaara Ameerikaan 1000-2000 jiduu ta’a. Gatiin kun biyya keenyaaf qaalii akka tahe ni beekna. Garuu Maxxansaa har’aa keessatti kan filanne “Laaptooppii filatamoo bara 2021ti” Kanaafuu; Maxxansa biroo keessatti Laaptooppii wayitaawaa gatii rakisaa fi jiddu galeessan gurguraman ni dhiheessinaa dura duraan nu hordofaa.

Laaptooppiiwwan asii gadii dhimmoota garaa garaatif itti faayyadamuu ni dandeessu. Fakkeenyaf; Warra hojii dagaagsaa (Developer), Warra hojii saxaxaa (Design) fi Warra Tapha (Game) taphachuu irratti bobba’anif ni faayyada. Laaaptooppin kunneen dandeettii gahaa waan qabaniif dadhabbii fi laafinsa tokko malee hojii isaanirra eegamu sirnaan hojjachuu ni danda’u.

Hubadhaa: Nuti kan dhiheessaa jirru Laaptooppii sirna dalagaa (Operating System) Windows’n hojjataniidha. kanaafuu; Laaptooppin Ati barbaaddu kan sirna dalagaa MacOS fi Linux yoo ta’e ammaaf as keessaa argachuun hin danda’amu. Osomaa ta’uu Laaptooppin sirna dalagaa ‘Windows‘ namoota hedduu biratti jaalatamaa fi filatamaadha.

1. Microsoft Surface Book 3

 Microsoft Surface Book 3

Laaptooppi filatamoo bara 2021 jedhaman keessaa Surface Book 3 kan jedhamu isa tokko. sirna dalagaa Windows’n kan hojjatu yemmuu ta’uu kan oomishee gabaaf dhiheesse dhaabbata Microsoft dha. Laaptooppin kun chaarjii yeroo tokko yoo guuttate hanga sa’aatii 17.5 turuu danda’a.

  • Operating System: Windows‎
  • Processor: ‎‎Core i7 Family
  • RAM Size: ‎16 GB
  • Hard Drive: ‎256 GB‎
  • Screen display size: ‎13.5 Inches
  • Manufacturer: Microsoft

2. Dell XPS 13

Dell XPS 13

Dell dhaabbata Kompiiataraa fi Laptop oomishuun addunyaa irratti beekamuudha. Laaptooppii Dell XPS 13 jedhamu kanaas isatu oomishe. Laaptooppin kun gatiin isaa qaalii ta’uus laaptooppiwwan sirna dalagaa Windows’n hojjatan keessaa kan baay’ee jaalatameedha. wantoota adda isa taasisan keessaa tokko fuullee (screen) isaa baay’ee jabaa tahuudha.

  • Operating System: Windows 10 Home
  • Processor: Intel
  • RAM Size: 16 GB‎
  • Hard Drive: ‎1 TB
  • Screen display size: ‎‎13.3 Inches
  • Manufacturer: Dell Computers

3. Acer Swift 3

Acer Swift 3

Laaptooppin Acer Swift 3 jedhamu jalqaba bara 2020 irratti kan gad dhiifameedha. Ta’uus hanga ammaatti Laaptooppi filatamoo jedhaman keessatti ramadama.

  • Processor: AMD Ryzen 7 4700U
  • Hard Drive: 512GB
  • RAM size: 8GB
  • Screen display size 14 Inches
  • Battery Life (in hours) 11.5 Hours
  • Manufacturer Acer

4. HP Spectre X360

HP Spectre X360

Laaptooppin HP Spectre X360 jedhamu kan Microsoft Surface Book (kan lakkoofsa tokko irraa) waliin walitti dhufeenya ni qaba. Osomaa ta’uu kan adda isa godhu, Fuullee (screen) quba keetin ajajuu dandeessa. akkasuma Digirii 360 naanneessuun ni danda’ama.

  • Operating System: Windows 10 Home
  • Processor: Intel Core i7 10th Gen
  • RAM size: 16 GB
  • Capacity: 512 GB SSD
  • Screen display size: ‎13.3 Inches
  • Battery Life (in hours) ‎22 Hours
  • Manufacturer: HP

5. Huawei Matebook 13

Kuni Laaptooppii oomisha dhaabbata Hawaawii (Huawei) kan ta’eedha. inniis Laaptooppii filatamoo bara kana keessatti ramadamee jira. wantoota adda isa godhu hedduu of keessaa qaba. isaan keessaa Ashaaraa quba keetiin banamuudha. Qabbaneessituu (Shark Fin) dhaabbata Huawei irraa itti dabalameefi jira. chaarjii ‘PowerBank’ akka dabalataatti waliin dhufa. Akkasuma bilbila harkaa gosa Huawei waliin waan wal simuuf wantoota hedduu hin baramin tokko tokko qaba.

  • Operating System: ‎Windows Home
  • Screen display size: 13 Inches
  • Processor: ‎Core i5 Family
  • RAM Size: ‎8 GB
  • Hard Drive: ‎512 GB

6. ASUS ROG Zephyrus S GX701

ASUS ROG Zephyrus S GX701

Ati Nama tapha (Game) taphachuu jaalatu yoo taate Laaptooppin ASUS ROG Zephyrus S GX701 jedhamu kun sihiifi. Laaptooppin kun ‘Gaming Laptop’ jedhamuun beekama. Dandeettiin isaa baay’ee cimaadha. Osoo addaan hin kutin Taphoota garaa garaa sa’aatii baay’eedhaaf ittiin taphachuu si dandeessisa.

  • Processor: Core i7-8750H
  • Storage: 1TB M.2 SSD
  • RAM & Speed: 8GB DDR4 2666MHz
  • Operation System: Windows 10 Pro (64bit)

Osoo Laptop fi Kompiitara hin bitin dura wantoota beekuu qabdan 9 https://oromiasamsung.com/laptopi-yoo-bittan-wantoota-beekuu-qabdan-9/

2 Comments
  1. abebe asfaw says

    Baayyee galatooma isin jaalanna compitara kana isin bira argachuu ni dandeenyaa

    1. abdulwasi says

      Galatoomaa, Garuu Nuti ammaaf meeshaa kamuu hin gurgurru

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time