Laptop chaarjii irra godhanii faayyadamuun Baatirii ni miidhaa?

Baatiriin Laptoppii qaamolee barbaachisoo Laaptoppii keessaa isa tokko dha. Garuu namoonni baay’een yeroo Laptoppii bitan dandeettii kompiitarichaa, RAM fi CPU malee waa’ee baatirii isaaf yogguu xiyyeeffannaa kennan hin mul’atu.

Yeroo Laptoppii faayyadamnu chaarjii itti goonee faayyadamuu moo erga chaarjiin Laptopichaa dhumee chaarjiitti gochuu wayya?

Deebiin gaaffii kanaa salphaa waan hin taaneef, Deebii isaa salphaatti hubachuuf waa’ee Baatirii Laptop haa ilaallu.

Baatirii Laptop

Baay’inaan baatirii Laptoppii “Liitiyeem Ayoon” ykn “Liitiyeem pilaaymer” irraa kan hojjataman yoo tahu, Baatiroonni Laaptoppii kuniis hanga isaan barbaachisuutii ol chaarjii akka hin fudhanne tahanii kan dalagamaniidha. kanaafuu, baatiriin Laaptoppii yeroo tokko 100% erga guutee booda chaarjii irra osoo jiruu chaarjii fudhachuu dhaaba. Kanaafuu guyyaa guutuu Laaptoppii chaarjiirra osoo keenyee, erga yeroo tokko 100% guutee booda waan chaarjii hin fudhanneef baatirii Laaptoppii keenya hin miidhu.

Laaptoppii chaarjiitti godhanii dafanii irraa fuudhuun dandeettii baatirii Laaptoppichaa ni miidha. kanaafuu, Laaptoppin keenya chaarjii hanga guututti irraa buqqisuu dhabuun gaaridha. Erga guutee booda irra yoo ture Baatirii keenya miidhuu dhabuus, Elektirikiin waan wal qabatuuf nageenyaf jecha yoo irraa buqqisne ni gorfama.

Farra Baatirii Laptop

Farra baatirii Laptoppii kanneen jedhaman keessaa tokko Laptoppiin baay’ee hoo’uu akka tahe ni dubbatama. Hoo’insi Laaptoppii daangaa darbe sababoota umrii baatirii laaptoppii hir’isan keessaa isa tokkoodha.

Hoo’insi Laaptoppii 40°C (afurtama digirii sentigireedii) yoo tahe itti faayyadamuun rakkoo hin qabu, Garuu hoo’insi isaa kanarra yoo darbe faayyadamuu dhiisuutu gorfama. yoo baatiriin Laaptopichaa kan irraa bahu tahe immoo yeroo baay’ee hoo’u, baatirii keessaa baasuun itti deebisuun faayyadamuun filatamaadha.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time