Barnoota Techno fi Ergaa Barbaachisaa Ni Dhiheessina!

Tajaajila Haaraya Online irratti kenninu

– Website (marsaariitii) Namoota dhuunfaa, dhaabbilee fi Gareewwan adda addaatif ijaaruun dhiheessuu
– Loogoo (Aastaa) fi Cover ammayyaawaa ta’e boca isin feetaniin hojjachuun dhiheessuu
– Intro fi graphics bareedaa tahe loogoo fi jechoota isin feetan irraa hojjachuun dhiheessuu
– Waraqaa ragaa Dijitaalaa tahe hojjachuu, mallattoofi loogoo keessan irra kaayun dhiheessuu

Hundi isaanii Qulqullina Ol’aanaan 100% Shakkii maleedha

– Beeksisa beeksifchuu:-
• Dhaabbilee Mootummaaf
• Dhaabbilee dhuunfaaf
• Daldaltootaf
• Namoota dhuunfaa fi kkf hundaaf waan keessan bifa barruun, Poostara fi Vidiyoon interniita irratti ni beeksisna. Guyyaa murtaa’etti Akka milkaa’uf faana ni buuna!

– Bittaa fi Gurgurtaa:-
• Peejii Facebook LIKE 100,000 ol qabu ni binnaa ni gurgurra
• Instagram Followers 50,000 ol qabu ni binnaa ni gurgurra
• Chaanaalii YouTube Subscribe 10,000 ol qabu ni binnaa ni gurgurra

– Akkasuma Namoota walirraa bituufi gurguruu barbaadaniif kophaatti Gorsa addaa ni kennina. Yoo barbaachisaa tahe hanga bittaafi gurgurtaan xumuramutti qaama 3ffaa taanee ni gargaarra. Kuni 100% Amanamaadha bilisa!

– Waan yaaddan Hojjachuu, Hojjachiisufi Too’achuuf Gorsaafi Leenjii addaa ni kennina!

– Hordoftoota Keenya kabajamoo kaayyoon Keenya inni guddaan Afaan Oromoo guddina Saayinsiif Teknooloojii keessatti gahee mataa isaa akka qabaatufiidha. Tajaajiloota asii olitti tarreeffamaniif kaffaltiin taasifamu madaalawaadha. kuniis baasii Domain, hosting, Software hojii, template fi Baasii networkif ooludha. Kan Ogeessi harkaa fudhatu akka waan bilisaan isiniif dhiheessetti ilaalama!
Galatoomaa Horaa bulaa

Karaan ittiin nu quunnamuu dandeessan Email asii gadii qofa irratti Oromosamsung@yahoo.com

Bilbila Nu Jalaa Bade (Hatame) Karaa ittiin argatuu dandeenyun.

Bilbila nu jalaa bade ykn nu jalaa hatame Karaa salphaa ittiin argatuu dandeenyu. Mobaayilli keenya osoo nu jalaa badee ykn hatamee gara Waajjira Poolisii, Harka keenya sassaabbannee taa’uu, Faayilli keenya nu jalaa bade jennee booyuurra kan nu baraaru. Mobaayilli keenya wanta adda ta’e kan mataa isaa IMEI jedhamu qaba. ‘International Mobile equipment Identity’ jechuudha. Seera kana faayyadamuun Iddoo Mobaaayilli keenya jiru beekuu ni dandeenya.

~Karaalee armaan gadii haa hordofnuu:-
1) Gara *#06# Bilbilaa

2) Lakkoofsa addaa Bilbila keenyaa IMEI Dijiitii 15 qabu nutti agarsiisa.

FKN. Kanaan 👇

3) Lakkoofsa nuuf baasu kana Yaadannoo keenyarratti qabatuu qabna. Sababnisaa, yoo Bilbilli keenya nu jalaa bade karaa ittiin barbaannu keessaa isa tokko. Mobaayilli keenya yoo bade ykn hatame Lakkoofsa Dhoksaa IMEI kanaa fi kan armaan gaditti tarreeffame waliin E-mail’n  (cop@vsnl.net) irratti ergina.

Your name …………..
Address ……………….
Phone model ………..
Make ……….
Last used number …………
E-mail for Communication…….
Missed date …………..
IMEI number …………

Sa’aatii 24 keessatti Mobaayilli keessan harka eenyuu akka jiru, Lakkoofsa Bilbila nama ittiin fayyadamaa jiruu ‘E-mail’ keessanirratti isiniif ergama jechuudha. achi booda ‘GPRS System’ fayyadamuun Teessoo isaa irra gahuu dandeessu.

Galatoomaa!

Feesbuukiin Fuula Dhaabbata Ruusiyaa Gochaa Seeraan alaa irratti hirmaate jechuun Balleessee jira.  Feesbuukiin Madda Odeeffannoo beekamaa “SocialDataHub” jedhamuu fi Eenymmeessaalee (Account) Dachaa ta’an isa waliin Hariiroo qaban Hojiin ala godhuun beekameera. Dhaabbatichi Eenyummeessaalee Kanniin akka balleessuuf kan isa dirqisiise Odeeffannoolee fayyadamtootaa karaa Seeraan alaatiin yoo sassaabu argamuu isaatiin ta’uu isaa beeksiseera. Sooshaal Daataa Hab asiin dura Gochaa Odeeffannoolee gara garaa baballisuu irratti hirmaatuun Mootummaa Ruusiyaatiif dhiyeessuun Seera Feesbuukii cabsuu isaa ibsa isaa keesaatti kaa’ee jira.

Miimoorii Kaardii Hin Hojjanne Akkamitti Sirreessuun Danda’ama?
Sadarkaalee 1⃣2⃣ Miimoorii Kaardii Hin hojjanne ykn Corrupt ta’e deebisnee Hojiirra Oolchuuf Sad.12’n Fayyadamaa.Garuu, Faayiloonni Miimoorii irra jiran baduun isaanii waan hin hafne.

1. Miimoorii Kaardii “USB port” Koompitara keetii irratti suuqaa.

2. San booda “my computer” keessa seeniitii Koompiwutarichi Miimoorii akka dubbise ilaalaa.

3. sana booda batanii “Start” cuqaasuudhaan “cmd” barreessuudhaan “Enter” cuqaasaa.

4. sana booda “Command prompt” keessa “DISKPART” barreessaatii “Ok” cuqaasaa.

5. sana booda “list disk there” jedhaa barreessaatii filannoolee isinii dhufu ilaalaa.

6. Filannoolee dhufan keessaa Miimoorii Kaardii lakk. Isaa waliin argattu.

7. sana booda “select disk (disk_number)” jedhaa barreessaatii “Enter” cuqaasaa.

8. sana booda “clear” jedhaa barreessaatii “Enter” cuqaasaa.

9. achumaan “create partition primary” jedhaa barreessaatii “Enter” cuqaasaa.

10. achumaan “active” jedhaa barreessaatii “Enter” cuqaasaa.

11. achumaan “format fs=fat32” jedhaa barreessaatii “Enter” cuqaasaa.

12. sana booda Koompiwutarichi Miimoorii Kaardii Format godha.

Galatoomaa —Yeroo Gaarii—

https://youtu.be/VPNwlTiajgg

Whatsappii, IMO, Telegram, Viber fi Kanneen biroo Lakkoofsa Malee banachuuf

Whatsappii, Imo, Telegram fi kanneeen biroo Lakkoofsa malee (Siim-kaardii) malee faayyadamuuf  Application 2nd Line jedhamu nu barbaachisa. Liinkii asii gadii irraa download godhachuu dandeessu.

Play Store keessaa download godhachuuf  https://play.google.com/store/apps/details?id=com.enflick.android.tn2ndLine

Apk file download godhachuuf (biyya isin jirtan keessatti yoo play store keessaa bu’uu dide qofa)  https://m.apkpure.com/2ndline-second-phone-number/com.enflick.android.tn2ndLine

Subscribe on YouTube

Barnoota Technofi Ergaa Barbaachisaaf Filannoo Jalqabaa

Bilbila Nu Jalaa Bade (Hatame) Karaa ittiin argatuu dandeenyun.

OF Eeggannoo

– Barnootni keenya guyyaa har’aa Akkaataa Lakkoofsafi Email facebook irraa dhoksuu dandeessaniini Vidiyoo daawwadhaa Hiriyoota keessaniif Share godhaa.

– Lakkoofsa faebook irraa qabnu ilaalchisee wanti jabaan beekuu qabnu warroonni lakkoofsa bade ykn gubate facebook irraa qabdan Dirqama gara haarayatti jijjiirachuu qabdu. Sababni isaa Namni lakkoofsa (siimkaardii) teessan argate sun Salphamatti facebook keessan argachuu danda’a waan taheef. Kanaaf baay’ina namoota gaaffii kana gaafatanii ilaalun yeroo biraa isiniif dhiheessina.

Whatsapp fi Telegram irraatti Namni isin hordofaa yoo jiraate beekuuf barnoota barbaachisaafi musteessaadha. Vidiyoo daawwadhaa Hiriyoota keessaniif share godhaa.

Namoota yeroo dheeraaf koompuutera fayyadamtan ykn moobayila irraa chat gootaniif akka ijji keessan hin miidhamne eeggannoowwan akkamii gochuu qabduu?

1. Sadarkaa ifaa (brightness) koompuutera keessanii akka inni ifa naannoo keessa jirtanii waliin walfakkaatutti adjust godhadhaa. Fakkeenyaaf screen computeera keessanii fuula keessanitti akka madda ifaatti ifa baasaa jira taanaan ol ka’aadha jechuudha. Isin jalaa dimimissaa’ee jennaanis rakkoodha. kanaaf ifa naannoo keessanii waliin walfakkeessaa.

2. Yeroo baay’ee yoo yeroo dheeraaf kan barreessitan ta’e halluun background barreeffama keessanii adii, halluun barreefama keessanii ammoo gurraacha ta’uun gaariidha.

3. Ija keessan daddaftanii ammaa ammaa yoo libsattan gargaarsa guddaa kenna. Kunis yoo libsannu qolli ija keenyaa dhangala’aa ija keenyaaf rabsee gogiinsa irraa ittisa.

4. Ija keessaan garaagarummaa daqiiqaa 20 gidduutti haara galfachiisaa (bakka biraa ilaalaa itti deebi’aa). Daqiiqaa 20 ol walittti fuftanii compuutera hin laaliinaa takkaa achi ilaalaa itti deebi’aa.

5. Fuullee ijaa kan coomputeraaf ta’u (computer eyeglass ) bitadhaa itti fayyadamaa. Akka kan siniif ta’u argattanitti ogeessa yaalaa bira deemaa barreesisaa bitadhaa.

6. Foddaa yokaan kallattiidhaan gara fuula computera keessaniitti bantanii hin fayyadamiinaa. Kun xiyya ifaa alaa dhufu ija kessanitti waan garagalchuuf miidhaa guddaa isinirraan ga’a.

7. Ijji keessan miidhamee haga argaa didutti ofirratti hin eeginaa. Mana yaalaa deemaa ija keessan yoo xiqqaate comp yeroo dheeraaf fayadamtu taanaan checkup godhadha

Mammaaksa Afaan Oromoo Argachuuf


As Tuqi

Hiibboo Afaan Oromoo 200+ Deebii Sirrii Waliin Argachuuf


As Tuqi

Jechoota Hayyootafi Dhaamsa


Jechoota Hayyootafi Dhaamsa Adda Addaa Argachuuf


As Tuqi

Karaa Feetaniin Share Godhaa Galatoomaa.