WinRAR maali? Akkamiin hojjata?

WinRAR’n sooftiweera daataa guddaa walitti cuunfanii (compress) kaa’uuf gargaarudha. Kunis tajaajila gurguddaa nuuf kenna. Fknf, email dhaan data guddatee nuuf ergamuu dide hamma isaa xiqqeessuun erguu nu dandeessisa. Dabalees bakka (storage space) keenya qusachuuf filatamaadha.

  • Akkamiin hojjata?
  • Akkamiin compress gochuu danda’a?

Daataa tokko kottoonfachiisuuf maloota algorithm hedduutu jiru. Fakkeenyaaf, documenti suuraa 20 cuunfuu yoo barbaade achi keessaa kan walfakkaatan ykn caasaa tokko keessatti argaman walitti qabee tokko qofaan bakka buusee kaa’a. Erga tokkoon bakka buusee kaa’ee booda warreen hafan immoo cinatti mallattoo baay’isuutiin barreessee kaa’a.

Haaluma kanaan fakkeenyaaf suuraa 10 walfakkaataa ta’e bakka tokko kaa’ee yeroo ‘extract’ ta’ummoo bakka isaa jalqabaa 10tti deebisa. (extract jechuun faayilli tokko eega download tahee booda yoo gargar hiikamu jechuudha)

Fakkeenyaa biraa haa ilaallu, documenti ‘AALLLCHHHHHHHH‘ tu jira haa jennuu. kun bakka 14 qabata. Haa ta’u malee qabiyyee walfakkaataa waan of keessaa qabuuf walitti cuunfee A2L3CH8 godhee bakka 3 qofa kenneefii kaa’a. Yeroo extract ta’ummoo bakka isaa jalqabaatti deebisa.

Suuraa fi viidiyoo immoo background walfakkaataa kan qaban bakka tokkotti kottoonfachiisee kaa’a. Fakkeenyaaf suuraa keenyaa dugda duubnisaa walfakkaatu 20 yoo jiraate 20’n sana dugdaduuba isaanii bakka tokkotti cuunfee kaa’a. Kan viidiyoos akkasuma. Haala kanaan faayila gurguddaa kottoonfachiisee bakka xiqqoorra qubachiisa jechuudha.

Sooftweerii kana hackers (hattoonni) baay’ee ni fayyadamu. Fakkeenyaaf setup files kan waa hack gochuuf faayyadan yeroo namatti ergan WinRAR fayyadamuun xiqqeessanii gara suuraatti jijjiiru. Kunis kan ta’u sooftweera vaayrasii qabu kan ittiin hack godhan sana suuraa hawwataa tokkotti jijjiiranii liinkii itti gochuun namatti ergu. Namni suuraan sun isa hawwatee yoo tuqe kiyyoo namoota sanaa keessa osoo hin beekin seena jechuudha.

Asumaan ergaan isiniif dhaamnu bakka garaagaraa irraa suuraalees ta’ee wantoonni biroo tuquuf nama kakaasan yoo isiniif dhufan ariifattanii hin tuqinaa isiniin jenna.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time