Waa’ee dhukkuba corona virus dirqama beekamuu qabu – Of eeggannoo

Dhuma bara 2019 irraa eegalee addunyaa sodaa guddaa keessa kan galche dhukkubni coronavirus (COVID-19) jedhamuun moggaafame sadarkaa yaaddeessaa irra gahee jira. Dhukkuba kana dhukkuboota biroo irraa adda kan godhu daddarbiin isaa salphaa waan taheefi namni tokko namoota hedduuf sababa ta’uu waan danda’uufidha. kanaaf yeroo ammaa namni fageenyatti wal baqataa jira, addunyaan hulaa walitti cufataa jirti.

Har’a waa’ee dhukkuba corona virus ykn COVID-19 jedhamuun beekame kana irratti waan tokko tokko isiniif himuu barbaanne nu waliin turaa. Tarii maxxansi kun hubannoo fi gorsa siif kennuun akka of hin daganne si taasisuu danda’a. Maatifi hiriyoota keetifiis share gochuun isaan gargaari.

Dhukkuba coronavirus ofirraa ittisuuf

  • Sirritti harka dhiqachuu fi irra deddeebin dhiqachuu akkasuma saabunaa harka ququlleessan faayyadamuu.
  • Yeroo qufaatu sooftii faayyadamuu, Yoo namni Qufaan qabe si biratti qufa’u meetira lamaa fi sanaa ol irraa fagaachuu.
  • Fuula kee tuttuquu irraa of qusachuu ( ija, funyaaniifi afaan)
  • Namootan Harkaan wal qaqqabuu fi walitti dhihaatanii nagaa waliin jechu dhiisuu
  • Meeshaalee akka bilbilaa, Laptopi fi kkf kan irra deddeebin itti faayyadamnu hunda sirritti qulqullina isaanii eeguu

Mallatoolee Dhukkuba coronavirus

  • Hoo’a qaamaa garmalee dabaluu
  • Qufaa baay’inaan nama qufaasisuu
  • Dadhabbii garmalee nama dadhabsiisuu
  • Kokkee/qoonqoo nama goggogsuu
  • Namoota dhukkubichi itti hammaate ammoo Qillensi hanqachuufi garmalee nama hargansiisuun ni jiraata.

Hubachiisa: Mallatooleen kun hundi yeroo tokko muldhachu dhabuu danda’u. Isaan keessaa muraasni qofa nama irratti muldhachuu danda’a. Namni mallattoolee kana muldhise hunduu dhukkubicha qaba jechuus miti. Mallattooleen kun dhukkuboota biroo irrattiis muldhachuu ni danda’u.

Dhukkuba kanaaf Namoota irra caalatti saaxilamoo ta’an

Corona virus miidhaa hanga ammaa geessise irraa yoo ilaalamu namoota armaan gadii irratti carraan isaan dhukkubichaan miidhamuufi du’uun isaanii xiqqoo olka’aadha.

  • Namoota umriin isaanii waggaa 60 ol ta’e
  • Namoota Dhukkuba Sukkaaraa qaban
  • Namoota Dhukkuba Dhiibbaa Dhiigaa qaban
  • Namoota Dhukkuba Onnee qaban
  • Namoota Dhukkuba Sirna Hargansuu yeroo dheeraf nama irra turu qabaniifi isaan Kaansarii qaban irratti, namoota biroo caalaa miidhaa ni qaqqabsiisa.

Hubachiisa: Namoota dhukkuba kana qaban qofa miidha jechuuf osoo hin taane, kanneen dhukkuba asii olii qaban namoota biroo caalaa carraan miidhamuu isaani olka’aa jechuufi.

Ka’umsi dhukkuba ‘corona virus’ jedhamu kanaa maali?
Dhukkubni kun eessaarraa ka’e?

Dhukkubni corona virus yeroo ammaa biyyoota hedduu keessatti muldhachaa jiru (COVID-19) jedhamuun moggaafame kun biyya Chaayinaa, magaalaa Wuhaan jedhamtu keessatti ji’a sadi akka hardhaa addaan bahe beekame. Dhukkubsattoonni jalqaba mana yaalaa geeffaman ammoo gabaa foonii beelladootaafi bineensotaa, akkasumaas qurxummii kan “Huanan Wholesale Seafood Market” keessa hojjataniifi achii fayyadamaniidha. Bifa foonii gurguramaa ture keessaa kamtu vaayirasii kana fide kan jedhu sirritti adda bahuu baatullee, qorannoo qacee sanyii vaayirasichaa irraa Sinbira Halkanii irraa dhufuu akka hin oolle shakkama. Vaayirasichi san booda nama irraa gara namaa daddarbaa jira.

Maddi; miidiyaalee hawaasafi ogeessota fayyaa

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time