Tajaajila Ammayyaa Dhaabbatni ‘Dreamlaal’ Kennu 18
Dhaabbatni haaraan dhiheenya hundeeffame Dreamlaal tajaajiloota hedduu ifa godhee jira. hanga ammaa walii galatti tajaajila 6 Gosa tajaajilaa 18 waliin dhiheessee jira. Maxxansa har’aa keessatti maalummaa dhaabbata kanaa fi tajaajila isaanii gabaabsinee ilaalla.
Dhaabbatni Dreamlaal maali?
Dhaabbatni Dreamlaal sadarkaa duraa irratti tajaajila Web Design fi App Development kan kennuudha. Itti aansee tajaajila isaanin wal qabatu kamuu maamilootaaf ni kenna. Tajaajiloota xixiqqaa irraa hanga ol’aanaatti gatii madaalawaa ta’een dhiheessa. Hojiilee baay’ee wal qunnamtii sarara irraan raawwachuu kan danda’u yemmuu ta’u, kanneen qaamaan argamuu barbaadaniif Ogeessa ol’aanaa ergee qorachiisa.
Tajaajila Dreamlaal maaltu adda taasisa?
Hedduudha. Muraasa haa ilaalluu:
- 100% Afaan keetiin si tajaajilu, Marsaariitiin isaanii dreamlaal.com‘s guututti Afaan Oromootini. kun immoo akka biyya keenyatti kan jalqabaa isa taasisa.
- Website fi App akka idil-addunyaatti sadarkaa isaa eeggate hojjatu.
- karaa CMS yoo hordofan Paid theme fi Paid plugin gargaaramu.
- karaa PHP fi Java yoo hordofan koodii duwwaa irraa barreessu ‘source code’ guutuu ta’ee waliin siif dhiheessu.
- Application kee gara Play Store fi App Store publish ni godhu.
- Baatii 6’f si hordofu rakkoon yoo jiraate bilisaan deeggarsa suphaa siif taasisuu.
- Baasiin Host fi Domain kan waggaa jalqabaa isaanirra.
- HOST irratti ‘unlimited bandwidth, unlimited business email, unlimited data storage, Free SSL’ fi kkf.. hedduu banaa siif godhu.
Tajaajila 6 Gosa Tajaajilaa 18 Waliin.
1. TAJAAJILA BLOG WEBSITE
Tajaajilli kun tajaajila Dreamlaal kennu keessaa kan jalqabaati. inniis Gosa tajaajila sadi of jalaa qaba.
- Basic Plan – Blog Website dubbistootaf salphaa tahee fi ulaagaalee ijoo ta’an guuttate siif hojjatu.
- Pro Plan – Blog Website dubbistootaf salphaa tahee fi ulaagaalee ijoo ta’an guuttate siif hojjatu. website kee irraa Android App siif hojjatu. Google Play irrattis ni baasu.
- Gold Plan – Blog Website dubbistootaf salphaa tahee fi ulaagaalee ijoo ta’an guuttate siif hojjatu. Website kee irraa Native App (Android & IOS) siif hojjatu..
2. TAJAAJILA DALDALAA
Tajaajilli kun tajaajila dreamlaal kennu keessaa kan lammaffaati. inniis Gosa tajaajila sadi of jalaa qaba. Tajaajila kana sadan Native App (Android & IOS) waliin dhiheessu.
- Job Vacancy – Website qaamni lameen (kan hojii barbaadu fi kan hojjataa barbaadu irratti wal quunnaman ni hojjatu).
- E-commerce – Website daldala sarara irraa kan kafaltii (payment system) Itoophiyaatin wal simu ni hojjatu.
- Restaurant/Delivery – Manneen nyaataa fi CAFE dhaf website guutuu ta’e Delivery App dhuunfaa isaa waliin ni hojjatu.
3. TAJAAJILA GRAPHICS
Tajaajila kana nuti akka Oromiasamsung’tti yeroo dheeraaf laachaa turre, Maamilota keenya baay’ees bilisaan gargaaraa turre. Garuu amma tajaajila Graphics guutumatti gara Dreamlaal dabarsinee jirra. Tajaajilli kunis akkuma kan biroo bakka saditti qoodamee dhihaate.
- Logo Design – Loogoo (Astaa) dhaabbataa fi namoota dhuunfaaf ni hojjatu.
- Intro/Outro – Intro fi Outro dhaabbataa fi namoota dhuunfaaf ni hojjatu.
- Cover/Banner – Social media’f cover fi banner, akkasuma book cover ni hojjatu.
4. TAJAAJILA ONLINE ADS
Brand kee miliyoonota bira akka gahuuf beeksisa dijitaalaa online irratti ni raabsu, ‘Online store’ yoo qabaattee daaw’attota dabalataa sitti ni ergu, ‘Physical store’ yoo qabaatte Magaalaa sana keessatti beeksisa dijitaalaa kan beeksisa Aadaa caalaa amansiisaa ta’e raabsuun si gargaaru. waluma galatti online irratti beeksisa gosa kamuu raabsuu fi maamiloota dhugaa gara keetti erguu ni danda’u.
- Facebook/Instagram Ads
- Google/Youtube Ads
- Twitter Ads
5. TAJAAJILA SIISTEMA GURGUDDAA
Hoteelota gurguddaaf siistema tajaajila isaanii ammayyoomsu hojjachuu, Hospitaalotaa fi Manneen barnootaafis siistema tajaajila isaanii ammayyoomsu hojjachuu danda’u. (kan mootummaas ta’ee kan miti-mootummaa).
- Hotel Management System
- Hospital Management System
- School Management System
6. TAJAAJILA HOST fi DOMAIN
- Shared Host – Tajaajila web host ni kennu.
- VPS Host – Tajaajila maashina dijitaalaa ni kennu.
- Domain – Tajaajila doomeenii .com .net .org… ni kennu.
Ammaaf tajaajilli Dreamlaal ifa taasise kanneenidha. Gatii isaanii As tuquun argattu ykn www.dreamlaal.com seenuu dandeessu.
Nu hubachuu keessaniif Galatoomaa.
Follow Dreamlaal on Facebook

The Best Mew Production O Like somuch
Thank you!