Mana keetitti bilbila harkaa keetin qorannoo dhibee koroonaa taasifachuuf

Dhibee Koroonaa irraa of ilaaluuf Kaayyoon ilaalamuu COVID-19 yaalaa fi kunuunsa ga’aa ta’e akka argattanii fi murteewwan fudhachuu qabdan akka fudhattaniifi. Kun immoo ogeessota fayyaa fi warra yaalii irratti hojjatan bakka hin bu’u.

Gara marsaariitii tena.et/?lang=or kanaa deeemun Gaaffilee 15 – 20 tahaniif deebii sirrii laatun carraa dhibee koroonaan qabamuu keessanii beekuu ni dandeessu. Gaaffilee gaafatamtan hundaaf deebii eega laattan booda carraan vaayirasii koronaaf saaxilamuufi saaxilamuu dhabuu keessanii isiniif ibsama.

Gaaffilee gaafatamtan keessaaa hanga tokko isin haa yaadachiisnuu.

  • Umrii
  • Saala
  • Guyyoota 14 darban biyya kam daaw’attan?
  • Nama vaayirasii koroonan qabame waliin walitti dhufeenya qabduu?
  • Afuura baafachuu isin rakkisaa?
  • Sa’aa 24 darbe keessatti hoh’inni qaamaa keessanii dabaleeraa?
  • Dhukkubaa maashaa ykn miira dadhabbii qabduu?
  • Furriii dhangala’u qabduu?
  • Madaa’uu Qonqoo (yeroo liqimsitan ykn osoo hin liqimsiin miira dhukkubbi qoonqoo) qabduu?
  • Dafee dafee isin qufaasisaa?
  • Dhukkuba Garaa kaasaa (olguuraa) qabduu?
  • Iji isin diimataa?
  • Dhukkubni isinitti dhagahamee yeroo dhiyootti doktoriin isin ilaaleeraa?
  • Dhukkuba sukkaaraa ykn dhiibbaa dhiigaaf yeroo dheeraaf qoricha fudhattan qabduu?
  • Bakka Vaayirasiin kuni itti argamu danda’u deemtanittuu?

Harka keessan dhiqachuu, Harka xuraawaan fuula keessan tuquu dhiisuu, Bakka namni baay’een argamu deemuu irraa of qusachuu, yoo dandeessan manaa bahuu dhiisuun ofii keessanii fi maatii keessan akkasumas nama jaalattan eegaa. Faayyaan Faayaa, Fayyaa hin dhabinaa.

Hubachiisa: Marsaariitin kun Maqaa keessan, Email keessan, Lakkoofsa keessan, bakka jiraattan fi suuraa keessan isin hin barbaadu waan taheef Marsaariitii Daataa (maalummaa) namootaa walitti qaban akka hin taane mirkaneeffannee jirra.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time