Keyboard irratti qophinaan barreessuu barachuuf Marsaariitii filatamoo 2

Guyyaa jalqaba Kompiitara/Laptop faayyadamnu qubeelee Gabatee cuqoo (keyboard) irra jiran bakka isaan jiran dafnee baruuf rakkanna. Qubee, lakkoofsa fi symbol adda addaa bakka isaan jiran yoo barre dafnee qophinaan barreessuu barbaanna. Kanaas yoo dandeenye osoo Gabatee cuqoo (keyboard) hin ilaalin barreessuu hawwina. Kuni haaluma ilma namaati sadarkaa barbaadu irra yoo dhaqqabe sadarkaa itti aanu hawwa.

Yeroo amma Namni ogeessa kompiitaraa ta’e hojii qacaramuuf dandeeettiin barreessuu isaa akkam akka tahe ni gaafatama. ‘mee barreessi’ jedhamuunis Daqiiqaa 1 keessatti jechoota (word) meeqa akka barreessu ni qoratama. Atiis ogeessa kompiiataraa ta’uu karoora yoo qabaatte guyyaa hojii eegaluuf jettu, keessaafuu; online irratti qacarameen hojjadha jechuu hawwii yoo qabaatte qormaatni kun si fuul-dura jiraachuu yaadadhu.

Dhaabbileen tokko tokko dandeettii Ati barreessuu irratti qabdu osoo si madaalin kallattiin gara hojiitti si galchuu danda’u. Garuu adeemsa keessa Haalli Ati ittiin barreessitu qophina kan hin qabneefi baay’ee harkifataa yoo tahe osoo hin turin hojii kee irraa si gaggeessuu danda’u. Kanaafuu; maloota asii gadii faayyadamuun dandeettii qophinaan barreessuu kee akka gabbifattu si gorsina.

Marsaariitin 10fastfingers jedhamu Dafnee barreessuu barachuuf hedduu nu gargaara. Gara marsaaritichaa yoo galtan Daqiiqa 1 irraa gadi lakkaayun jechoota barreessuu qabdu siif baasee akka barreessitu si gaafata.

Gocha kana irra deddeebin raawwachun dandeettii daftee barreessuu kee gabbifachuu ni dandeessa. Yoo barbaadde maqaa keetin accountii uummachuun dorgomuullee ni dandeessa. Daqiiqa tokko keessatti Jechoota baay’ee barreessuu yoo dandeesse ‘TOP 50‘ jechuun Galmee keessa si galchu. Hanga Namni biroo dhufee si caalaa barreessu Ati galmee irraa hin buutu. Fkn suuraa asii gadiitin.

Namni lakkoofsa tokko irra jiru ‘APack‘ jedhama. Daqiiqaa tokko keessatti (WPM – Words per minute) Jechoota 230 barreessuu danda’ee jira. Ajaa’iba! kuni baay’ee guddaadha. Ati Jechoota Afaan Oromoo 230 daqiiqaa tokko keessatti barreessitee ni xumurtaa?! Seera Qubee Afaan Oromoo keessatti Jechootni baay’een lama lama (Double) ta’anii waan dhufaniif Jechoota Afaan English’n dorgomuun nurra hin jiraatu. Warra Engiliffa barreessun Nutiis Engiliffa barreessun dorgomuu qabna.

Marsaariitin lammaffaa Keybr kan jedhamuudha. kuniis akkuma isa jaqlabaa dandeettii Daftee barreessuu kee ni gabbisa. wanti adda isa godhu, Fkn yogguu gara Keybr seente Harka (Quboota) kee eessarra gochuu akka qabdu dursee si agarsiisa. itti aansun ‘Click to activate’ kan jedhu yoo tuqxe Jechoota Keyboard olirra tarreeffaman sana akka barreessitu si ajaja.

Marsaariitii Keybr irratti ofii keetif daftee barreessuu yaalii goota. inni daqiiqaa hanganatti xumuruu qabda siin hin jedhu. Daftee yemmuu barreessitu dogoggora yoo raawwatte Qubee dogoggorte sana Halluu diimaan barreessee si akeekachiisa. Bifa suuraa asii gadiitin.

Keybr irratti akkuma isa jalqabaa accountii kee uummachuun barreessitoota biroo waliin wal dorgomuu ni dandeessa.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time