Hiikkaa Google Afaan Oromoo irratti haa hirmaannuu

Afaan Oromoo Afaanota Gurguddoo Addunyaa 109 tti makamee tajaajila kennuu jalqabuuf Jechootni English Miliyoona 1 fi isaa ol Afaan Oromootti yoo hiikamaniidha. Kana milkeessuf Namni Jechaa fi Hima Afaan English gara Afaan oromootti hiikuu danda’u kamuu irratti hirmaachuu ni danda’a. kanaaf immoo dhaabbanni Google haala mijeessee jira.

Afaan Oromoo tarree Afaanota gurguddatanii hiriirsun hojii namoota muraasaa miti, ykn kan dhaabbata tokkoo miti. Dhimmichi Nama afaan kana haasayu hunda ilaallata. kanaafuu ni dandeenya yoo ta’e hiikkaa isaa irratti hirmaachuu, hin dandeenyu yoo ta’e kanneen hiikaman gulaaluu irratti hirmaachuu, kanaas hin dandeenyu yoo ta’e xiqqaatu waamicha akkanaa miidiyaalee hawaasa faayyadamnu irratti share taasisun nurra jiraata.

Hiikkaa Google Afaan Oromoo irratti hirmaachuuf:
Tartiibaa asii gadii hordofaa:

  1. Google Chrome seenaa
  2. Email (Gmail) keessaniin Login godhaa
  3. liinkii kana seenaa, https://translate.google.com/ liinkii kana seenuf filannoo hedduu gargaaramu dandeessu. Fkn, liinkima kana irratti cuqaasuu ykn asirraa laalun saanduqa search keessatti barreessuu.
  4. Contribute kan jedhu seenaa (suuraa asii gadii ilaalaa)

4. Setting > Languages > Gadi bu’aa Oromo filadhaa
5. itti aansun Suuraa asii gadii qalbeeffadhaa

6. Bakka xiyyi agarsiisu ilaalun gara English – Oromo tti jijjiiraa
7. Bakka halluu magarisaan haguugame yoo tuqxan kanneen namootni biroo hiikan akka gulaaltaniif isin gaafata. isin kan sirrii ta’ee LIKE kennituuf, kan sirrii hin taane DISLIKE kennituuf. yoo hin beekne SKIP tuquun gara itti aanutti dabartu.

8. Bakka halluu cuqulisaan haguugame yoo tuqxan Himoota Afaan English isiniif fidaa, gara Afaan Oromootti akka hiiktan isin ajaja. ni dandeessu yoo ta’e irratti hirmaachun gahee keessan bahattu.

Suuraan olii kuni, kan namootni hiikan yogguu gulaaltudha
Suuraan kun Himoota haaraya yogguu Afaan Oromootti hiiktu agarsiisa

Dabalata vidiyoo asii gadii ilaalun caalatti hubachuun ni danda’ama.

Hiikkaan Google Afaan Oromoo Faayidaa akkamii qaba? Faayidaan inni qabu hedduudha, isaan keessaa muraasa haa ilaalluu.

• Tarree Afaanota Gurguddoo Addunyaa taa’a.
• Afaan hojii Dhaabbilee Gudrguddoo Idil-Addunyaa tahuuf carraa argata.
• Biyyoota hawaasni Afaan Oromoo dubbatu jiru hundattuu salphatti ittiin-tajaajiluu fi tajaajilamuun hojiirra oola. Akkasuma carraa hojii bal’aa uumufii danda’a.
• Tajaajilootaa fi Oomishaalee Adda addaa salphatti Afaan Oromootiin akka oomishamaniifi raabsaman daandii saaqa.
• Afaan Oromoo Afaan Miidiyaaleen gurguddoon dhimma itti bahan akka tahuuf shoora olaanaa taphata.
• Odeeffannoolee/Barreeffamoota Afaanota Gurguddoo kamiinuu jiru namni barbaadu/hawaasni Afaan Oromoo dubbatu salphatti Afaan Oromootti jijjiiratee dhimma itta baha, akkasumas, barruulee/Odeeffannoolee Afaan Oromootiin bahan qaamni barbaadu kamuu yeroo/biyya barbaadetti Afaan fedheetti jijjiiratee dhimma itti-bahuuf gargaara.
• Marsaaleen hawaasaa gurguddoon yeroo ammaa Addunyaa ganda tokko gochuuf hojjachaa jiran kan akka Feesbuukii, Tiwiitaraa, Telegiraamaa, Instaagiraamaa, LinkidIin, Yuutuubii, fi kkf..niif Afaanota hojii waan tahuuf Guddina Afaanichaatiif shoora olaanaa kaawuu bira darbee Aadaa, seenaa, duudhaa fi sirna Gadaa Oromoo bal’inaan ni beeksisa.
• Afaan Oromoo hirmaannaa Qorannoo fi qo’annoo Idil-Addunyaa tahan, akkasumas Guddina Saayinsii fi Tekinoolojii isa yeroo ammaa addunyaa raasaa jiru keessatti hirmaachuuf carraa akka argatu gochuudhaan, Hawaasichi Afaanicha dubbatus Jijjiirama saffisaa Saayinsiif Tekinoolojiin Addunyaa uumaa jiru kana keessatti akka hirmaatuufi irraa fayyadamu, akkasumas akka waliin tarkaanfatu daandii kan saaquudha.
Walumatti yeroo takkaan Guddina Afaan Oromoo tarkaanfii hedduu gara fuulduratti butuu fi kkf isaan muraasadha.

Maarree Hojii seena qabeessa guddina Afaan Oromoo tarkaanfii 10 ol fuulduratti tarkaanfachiisu kana Ati maal raawwatte? Qooda maal fudhatte? Fira/Maatii/Hiriyoota kee Meeqatti himte/affeerte?
#oroict.com

90 Comments
  1. Tatoo says

    Jabadha

  2. Abdurheman ogeto says

    Jajjaabadhaa waan garii hajaachaattii jirtuu

  3. Abuu.bilaal says

    afan oromo

  4. Mohammed sham says

    Wow baay’ee natti tola afaan oromoo Google seenuu isatti hayyoonni keenya galatooma galannii keessan bilisummaa oromoo fi oromiyaa haa ta’uu

  5. Abdulkarim says

    Hojii boonsaa Afaan koo Guddisuufi
    Hjjatamaa jirutti nan Gammada Namoota Qooda kana fudhatanii Bu’aa bahii Hedduu Keessaatti sadarka kanaan gahanis Hedduu Galatoofadha.
    Anis Dirqama Oromummaa koo nan Baha.

    1. abdulwasi says

      Tole, Atiis Qooda kee bahachuuf seenaan si yaadataa Galatoomi.

  6. Oromoon galaana says

    hujii danssaadha

  7. Darara says

    Adero wani garidha jabadha

  8. Obse says

    Hojii boonsaa hojjataa jirtu Itti fufa. Please namoonni hundinuu irratti haa hirmaannu. Galatooma.

  9. Jemal Bekele says

    Baay’ee waan gaarii dha.

  10. Gemeda says

    Hojii gaarii hojjetaa jirtan kanatti nu haffeeru keessanif guddaa galatooma. Kuno har’aa tokko jedhe hojii koo eegaleera.

  11. Beyan Ame says

    Hojii boonsaa

  12. kalid Abdu says

    Namatti tola

  13. Fuhad Zinaabu says

    Bayyee namati tola harka wol qabannee afan oromo ha guddiisnu

  14. Nura says

    Hojii bareedaafi seena-qabeessa jalqabdan kana jabeessaa itti-deemaa!Nutis waan dandeenyeen isin faana jirra.

  15. Dandi Waga says

    jabaadha seenaa hojjecha jirtu waliin hojjenna!

  16. Khalid Hussein says

    I’m proud of you my people Oromo.
    Good job!!!!
    Itti jabaadha ammas hala bareeda irra jirtan.
    Galtooma

  17. Firomsaa says

    Hojii baayyee gaariidha jabadha bekton kenyaa fi Haayoni kenyaa hundii irraati hiramadha wan Akkan nama boonsu hojata jirtani nuf jiradha namota hedduu nuf hirmachisaa
    Gallatoma

  18. Samson says

    Jabadha baay’ee namati tolla

  19. getachew says

    Toora jedhameen deemus, ‘English to Afaan Oromoo’ kan jedhu argachuu hindandeenye.

  20. Tafese says

    hundii dirqama isaa bahuu qaba. Jabaadha.

  21. Muhiddiin Amaan says

    Jabaadha jalqabbii gaariidha

  22. Geremew Dula Temesgen says

    Damee Sibuu Siree irraa Jenereetarri diduurraan kan ka’e yoo Ibsaan bade tajaajilamuu hin dandeenye ! Nuuf sirreessaa !!

  23. Abera Bunguli says

    Galatooma hayyootni keenya hundinu. Osoo afaan keenya baay’ina ummataa dubbatuun ilaallee addunyarraa sadarkaa 22ffaa irratti argama. Nutti garuu afaan keenya xiqqeessine afaan mandara fi tuffatama fakkeessine. Yaa dhaloota Oromoo afaan kee guddifachuu kan qabu si’i malee, alagaan sin guddisu.

  24. Yoseef Tarreessaa says

    Jabaadhhaa.haayyota keenyaa wanta dandeenyun isin bukkee jirra.

  25. kedir Dekebo says

    Kun hojii baayyee nama boonsudha. Af Somali illeen osoo google irra jiru afaan keenya dhabamuu isaatti gaddaan ture. Amma eegaluu isaatti gammadaa hojiin kun akka galma gahuuf immoo gahee koo taphuuf qophiidha.
    Galatoomaa?

  26. Zekarias says

    Baayyee barbachisaa

  27. Àmìñàà says

    Waani bardaa jabadhaa

  28. Mame luba says

    Of tahuun keenya barbaachisaadha

  29. Dagim Galata says

    Hojii boonsaadha!

  30. Daba Fikadu says

    Haa jabaannu !

  31. Dawit Gemechu says

    Hujiin kun hujii Gaariidha Galatooma warreen yaadni kun hujiirra akka oolu gootaniif

  32. Jennenus says

    Waan baay’ee namatti toluu fi hedduu nama boonsuudha. Warri haala kana mijeessuuf qooda fudhattan hunduu galatoomaa.

  33. Babi Bunte says

    Anis gahee koo baheen jira isin hundumtuu hamma dandessaniin irratti hirmaannaa taasisaa isin fayyada waan ta’ef.

  34. Galataa Mul'ataa says

    Baay’een isinitti gammade galatoomaa seenaaf galaa ol kaawwattaniittu

  35. Daraja Doshi says

    peace. Nageenya

    Life.Jireenya
    Love.Jaalala
    Family.Maatii
    Educatation.Barnoota
    Food.nyaata

  36. Darartukedir says

    Jajabadhaa

  37. Murata Hussein says

    I can translate any English words into afan oromo

  38. Girma Abera says

    Itti haa fufu!

  39. MansurAbdu says

    Jabaadha hayyoota keenya warreen waan kana durummaan hojechaa jirtan galanni ani isiniif qabu dechaadha! Ummani oromoos xiqqaa guddaa oso hinjedhin afaan keenya guddisuuf waandandenyuun gahee nurraa egamu bahachuu qabna kan hiikutti dandeetti qabu hiikuu kan hiikuu hindandenye immoo share gochuun gahee keessan bahadhaa! Galatomaa!!

  40. Ahimad Abduqqee says

    Hojii gaariidha garuu yeroo dogongorri argamu akka sirreeffamu ykn edit godhamu osoo ta’eetii bareeda ture.

  41. Chalchisa Lenjisa Boke says

    Hojiin kuni hojii Boonsaadha itti fufuutu irra jiraata namoonni Afaan Oromoo dubbatan hundi irratti hirmaachuu qabu.

  42. Lataa says

    Hojii gaariidha, itti fufa qabaannaan. Gumiin guddicha afaan oromo warri je’ee horii guuraa ture eessa kute? Akka akkas hin taaneefiin kaase.

  43. […] Hiikkaa Google Afaan Oromoo irratti haa hirmaannuu […]

  44. Malkaa says

    Waan dansa dha.waanta xiyyeeffaanna guddaa gafaatudha.

  45. Indalo Namomsa says

    Kana booda namni oromoo tuffatu haa qaana’u jabaadhaa lammiikoo utuu moortuun moortuu hortuun horti jedha oromoon

  46. Zaki says

    This language is for 70milon people have been using so it’s important to be Google translate

  47. Merob says

    Woow ani bayyee waanaan gammadde jiruuf amanuun natii hulfaata, ji’ota darbaan afaan kenya translate ta’uu dhabuu isa bayyee gaaddeen ture afaanonii bayyeen jijiramaanirru kaan amma kenya bayyinna uummata hin qabnee iyyu, ani amma jiraatuu biyya Americati waagga bayye muraasa ta’een kessa jiraacha jira mana barumsaa eegaleen afaan Englifa barachuu egalee gaafa barsiisonni class tti waan hojjennu nuuf keenaan irriyyonni koo guya guyadhaan dadafaani barressanii deebisu essa fiddu jedhee gafaadhee jenaan maali atii afaan kee Google gotee hin bareessittu nu’ii akkas goona naan jedhaan hundii isaanii iyyu namota akka kooti waan ta’aniif kaan kenyaa immo hin hiikaamnee waan ta’eef rakkodha, kanaaf bayye nama gammachisaa lammi koo ni dhaqabna dhalooni nu dubaan hdhufaan akka keenya hin ta’aan matuma, waaqayyo nu gargaraa Eebbifama!

    1. abdulwasi says

      Yaada keessaniif guddaa Galatoomaa. Duulli taasifamaa jiru kun dhiyootti milkaa’ee akka isin gammachiisu abdii qabna.

  48. Yerosan says

    Yaa waaqayyo Numilkoomsi!

  49. Milku Gemeda says

    woooooow waan akkam nama gammachiisu dhugaa,worri kana gootan galata guddaa qabdu dhaloota biraa.Horaa Bulaa Deebanaa

    1. abdulwasi says

      Hayyee, isiniis Galata qabdu

  50. Rabbirraa Toleeraa says

    Haalli kuni baay’ee gaariidha. Guddina afaan keenyaaf shoora olaanaa qaba.

  51. Tadele Gemeda says

    Guddina Afaan Oromoo keessatti hundi keenya gahee keenya haa baanu!

    1. abdulwasi says

      Akkasi Ee

  52. Magarsa says

    Jabaadha yaa ijoollee oromoo afaan keeyna afaan keeyna gudachuu qabaa

  53. Mesay says

    Jabaadha

  54. Chala Asfawu says

    Hojii namatti toluudha jabaadhaa ijoollee keenyaa!
    Dhaloota Qubee jedhamuun keenyas kanumaafi

    1. abdulwasi says

      Tole! Galatoomaa

  55. Gemechu says

    Waan jajjabeeffamuu qabu.

  56. Yeroonamma says

    Baayee gaariidha akkasitti itti fufaa!!

  57. Dr. Bayissa Chala says

    Akka baay’ina keenyaaf kun halkan tokkotti waan raawwatu ture!

  58. Dr. Bayissa Chala says

    Ammas yeroo qabna haa jabaannu!
    Galatoomaa jamaa!!

    1. abdulwasi says

      Isiniis Galatoomaa

  59. Mohammed sham says

    Loomiin firiin 50 nama 50f ba’aa guddaa garuu nama 50 fuunfata jedhamaamiti ree ⁉️ kanaafu wal-irraa hin hafnu irratti hirmaadhaa isiniis gamaa keessaniin hayyoonni keenya gulaaluu itti fufaa

    1. abdulwasi says

      Haayyee, Galatoomaa

  60. Feti says

    Brilliant jabaadha hojii baredadha

    1. abdulwasi says

      Galatoomaa

  61. Murtessa K. Duressa says

    Waliin taanee Afaaniifi Aadaa keenya haa guddifnu yaada gaariidha. Labata haaraa beekumsa qulqullaa’aafi Aadaa cuunqoo has dhaalchifnu

  62. Dinkolas says

    Nuuf jiraadhaa lammiiwwan koo hojii boonsaa hojjattanii!

  63. Ture Urago says

    Nuboonsitan ittiin boonaa

  64. Amin Abdurahman says

    Please be fast

  65. Uso ahmed says

    Galatoomaa

  66. Nugusaa Abbaajoobir says

    Afaan sirni gadaa addunyaaf bu’ura ta’e ittin bocamee. Ganaa darbee deemaa nuti garuu gahee nurraa eegamu ba’achuu qabna.

  67. Jalene Yadeta says

    Jabaadha haa jabaannu! Afaan keenya guddiisan.

  68. Fahmi says

    Jabaadha ❤?❤

  69. Aliyi says

    Bayyee gariidha

  70. Afandii says

    Hubachiisa..

    Namoonni waan kanarratti hirmaachaa jirtan Qubee afaan Oromoo guutee nama barreessuu danda’u ta’uu qaba. Yoo akkas hin taane hiikni isaa jijjiiramuu waan danda’uuf of-eeggannoodhaan qubee guuttanii yoo barreessitan gaariidha.

    Galatoomaa.

  71. Lemma dejene says

    Hirmanna Kenya barbada

  72. Abdulkedir Ebrahim says

    Afaan keenya Afaan Google ta’uun Afaan Oromo hagam akka guddataa jiru nutti muldhisa. Warri akka kun ta’uuf dhamaatii guddaa goota galata uummata keessanirraa qabdu.

  73. Beydarus baale says

    Oromoo koo qomoo koo jajabadha Afaan kenyaa fi Addaafi dudhaa kenyaa haa guddifnu

  74. Gaaddisa Tolasa kishee says

    Hojii dhalootaa dalagaa jirtu ammallee rabbi sin waliin Haa tahu jajjabaadhaa. Wanta narraa eegamu hin hojjanne Ani. Walitti deebina.

    1. abdulwasi says

      Galatoomaa

  75. Dereje says

    Baayyee Baayyee Gaariidha

  76. Ĵemal ýě ørø liĵ negn says

    Bayyee bayye namati tola Galatomaa

  77. Ramadan says

    Itti muddaa jira

  78. Belay says

    Waan baay’ee barbaachisuu fi guddina Afaan Oromoo tiif gumaacha guddaa qabu hojjettaan, fayyaa ta’aa jabaadhaa.

  79. Seyoum says

    Hojii gaariidha

  80. Sanyii Biraanuu says

    Waan baay’ee namatti toluudha jabaadhaa itti fufaa! Garuu, haala qubeeffama isaa irratti gaarii goonee gulaaluu qabna!

  81. Amanu says

    Jabaadha hojii gaariidha
    Nuuyis ammaa dandeenye siin gargaara

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time