Garaagarummaa Qufaa fi Corona (covid-19)
Qufaa fi Corona adda baasnee haa beeknu: Dhukkubni coronavirus (covid-19) Mataan bowwachuu jabaa qaba, garuu Qufaan Mataan bowwachuu salphaa qabaata, Dhukkubni corona Hoo’aa qaamaa baay’ee ol ka’aa qaba, Qufaan Hoo’aa Qaamaa salphaa qaba. coronan funyaan nama ukkaamamuu hin qabu, garuu qufaan ni qaba (Qufaan funyaan nama ukkaamsa)
Dhukkubni corona haxxiffachiisuu darbee darbee qaba, Garuu qufaan yeroo yerootti qaba. coronan gogaa nama qufaasisa, Qufaan immoo Hancufa furrii makate nama qufaasisa. coronan qoonqon madaa’uu hin qabu, Qufaan qoonqoo madaa’uu ni qaba. coronan darbee darbee nama qorrachiisa, garuu qufaan hedduu nama qorrachiisa. coronan yoo nama qabe qaamni hedduu nama dhukkuba, Garuu qufaan xiqqoo nama dhukkuba.
Dabalata suuraa asii gadii irraa hubadhaa..

Fayyaa hin Dhabinaa!