Channel Raya Studio deebi’uuf mallattoo hawaasa Oromoo barbaada
Channel guddichi sirboota Aadaaf seenaa Oromootaa maxxansuun beekamu Raya Studio’n onkololeessa 8/2020 irraa kaasee guututti cufamee jira. Raya Studio’n waggoota kurnan darbaniif Aartii Oromoo guddisuu irratti kan hojjataa ture yommuu ta’u, waggoota shanan darbaniif Youtube irratti sirboota qabsoo finiinsan dhibbaan lakkaayaman maxxansaa tureera.
Raya Stduio Youtube irratti deebisuuf duula godhamaa jiru irratti hirmaadhaa. Hirmaachuf liinkii asii gadii tuqaa.
Gareen jibbaa saba Oromoo qaban maqaa ‘Network Against Hate-speech’ jedhuun gurmaa’anii duula ummata Oromoo miidiyaalee hawaasa irraa qulqulleessuu hojjataa jiru. Gareen kun keessaaf alaan baajatni guddaan ramadamee waan sossoo’uf dhiibbaa hamaa uumuu danda’ee jira. Hayyoota Oromoo karaa fuula Facebook irratti barreessun beekaman akka isaan yaada isaanii bilisaan hin ibsannees ugguraa jiru. Gocha kana qolachuun dirqama hunda keenyati.
Youtube stop silencing the Oromo people and reinstate Raya Studio’s Youtube channel
Aadaa fi dudhaa uummaata keenyaa gudisuuf gahe gudaa waan taphaatuuf nuuf haa banamuu,chanallin kun cufamuun waan hin malee,ija ummaata kana jamsuu jechuudha,kanaaf nuuf haa banamuu.
I need to open rayaa studio
studion kun dadafe nuf banamu qaba dirqama lamummadha
Raayyaa studio’n kabajaafi olaantummaa sabboonummaa oromoo kan ibsu waan ta’eef hatattamaan banamee hojii saba oromoo fi kuush galmaan ga’uu qaba
FREE RAYA STUDIO
Dafee has nuuf banamuu ummanni oromoo gabrummaa jaarraa 21 keessaa haa baanuu. Kun gabrummaa karaa technology nurratti adeemaa jiruudha kanuma.
Yaa ummatta oromoo damaqii enyumaa kee kanaa deffadhuu
nuuf haa banamu
Nagaan kotta